Dameen Turizimii dinagdee biyyaa utubuufi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu keessaatti bakka guddaa qaba- biiroo aadaa fi turizimii Oromiyaa

Sadaasa 15/2016(TOI)- Dameen Turizimii dinagdee biyyaa utubuufi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu keessaatti bakka guddaa akka qabu biiroo aadaa fi turizimii Oromiyaa ibse.

Torbeen guyyaa Turizimii addunyaa akka addunyaatti yeroo 44ffaaf, akka biyyaatti yeroo 36ffaa akka naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo 19ffaaf mata duree "Invastimantii Turizimii Magariisaa" jedhuun kabajamaa jira.

Torbeen Turizimii Addunyaa akka addunyaatti yeroo 44ffaaf; akka biyyaatti 36ffaafi akka Naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo 19ffaaf dhaadannoo "Invastimantii Turizimii Magariisaa" jedhuun Godina Bunnoo Beddelleefi Godina Iluu Abbaabooritti sagantaalee gara garaan kabajamaa jira.

Jilli hooggantuu biiroo Aadaaf Turizimii Oromiyaa Adde Jamiilaa Sinbiruun durfamu ayyaanicha sababeeffachuun daawwannaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Gachiitti kan argamu Holqaa fi Finca'aa Dagaawaaj daawwateera.

Adde Jamiilaan wayita kana akka jedhanitti, dameen Turizimii dinagdee biyyaa utubuu fi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu keessaatti bakka guddaa qaba.

Haala Kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa iddoowwan Ikoo-Turizimii 18 adda baasuun xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jiraachuu ibsuun isaan keessaa Fincaa'aan Dagaawaaj tokko ta'uu Adde Jamiilaan dubbatanii jiru.

Dameen Turizimii dinagdee biyyaa utubuu fi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu keessaatti bakka guddaa waan qabuuf  iddoowwan hawwata turizimii misoomsuu, kunuunsuu fi beeksisuun murteessaa ta'uu Aadde Jamiilaan hubachiisaniiru.

Kanaafis mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo kennee iddoowwan turizimii misoomsuun faayidaa dinagee damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. BKO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015