Naannoo Sidaamaatti sagantaan jalqabsiisa pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu birrii miiliyoona 336 oliin  ijaaramanii adeemsifame  

Sadaasa 15/2016 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti sagantaan jalqabsiisa pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu aanaalee 8 keessatti birrii miiliyoona 336 oliin  ijaaramanii adeemsifameera.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo hojii pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu “sokkaa sonnechoo asaraadoo daamaa” aanaa Gorcheetti birrii miiliyoona 41 tuqaa 4’n ijaaramu jalqabsiisaniiru.

Pirojektiin kun kutaalee hawaasaa ganda lama keessa jiraatan kuma 7 fi200 kan fayyadu ta’uun beekameera.

Pirojektoonni bishaanii kunneen bajata mooummaa naannichaa fi qaamolee deeggartootaan kan hojjetamanidha.

Hooggantoonni olaaoo naannichaa fi bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa addaddaa sagantaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015