Lammiileen 262 marsaa sadiin Libaanoos irraa biyyatti deebi’an - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen 262 marsaa sadiin Libaanoos irraa biyyatti deebi’an

Sadaasa 15/2016 (TOI) - Lammiileen 262 eeyyama jireenyaa fi hojii malee Libaanoos jiraachaa turan marsaa sadiin biyyatti deebifamuu Beerutitti waajjirri Qonsilaa Jeneraalaa beeksise.
Lammiilee biyyatti akka deebi’an Qonsiilichi haala mijeesseef 315 keessaa har’a marsaa sadaffaatiin Lammiileem 88 Finfinnee gahuusaanii waajjirichi fuula marsariitiisaatiin beeksiseera.
Marsaa tokkoffaan namoonni 78, marsaa lammaffaan namoonni 96, marsaa sadaffaa Kanaan ammoo nammoonni 88 walumaa gala marsaa sadiin namoonni 262biyyatti deebi’aniiru.
Biyyatti deebi’uuf eeyyama kanneen argata carraan osoo jalaa hingubatiin dafanii yoo dhufan deeggarsi akka taasifamuuf beeksiseera.
Lammiileen sababa namoonni isaan hojjechiisan himataniin waggaa kanatti biyyatti deebi’uu hindandeenye tajaajilli abukaattoo tolaan akka taasifamuuf odeeffannichi eereera.
Waajjirri Qonsiilicha dhimma kanarratti kan isaaf tumsan waajjira immigireeshinii fi nageenyaa mootummaa Libaanoos, daandii qilleensaa Itiyoophiyaa fi miseensota kominiitii Itiyoophiyaa galateeffateera.