Itiyoophiyaan boba’aa Xiyyaaraa egereef oolu oomishuuf deeggarsa argatte

Sadaasa 14/2016 (TOI) - Itiyoophiyaan boba’aa Xiyyaaraa egereef oolu oomishuuf mootummaa Faransaayirraa deeggarsa argatte

Deeggarsi faayinaansii kun qorannoowwan misooma boba’aa Aviyeeshinii ilaallatan adeemsisuuf ta’uu odeeffannoon geejjibaa fi loojistiiksii nimul’isa.

Kun kan ibsame konfaransii Aviyeeshinii fi boba’aa 3ffaa emereetota Araba gamtoomanii Dubaayitti taa’amaa jiruu fi Itiyoophiyaan irratti hirmaachaa jirtu cinaatti marii gamlamee mootummaa Faransaayi waliin taasifameen ta’uun eerameera.

Deeggarsichi kan argame akkaataa karoora dhaabbanni siviil Aviyeeshinii idil addunyaa boba’aa idileerraa gara boba’aa uumamaatti egereef cehuuf gadhiisii gaaziiwwan faalanii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2050 zeeroo gochuuf karo
ora qabameeni.

Kanaafis oomishoonni uumamaa goggogaan biqiltuuwwanii fi galteewwan biroo faalama xiqqoo qaban faayidaarra akka oolan ibsameera.

De’eetaan ministiraa geejjibaa fi loojistiiksii Dangee Boruu akkasumas daarektarri olaanaa abbaa taayitaa siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistee sagantaa deeggarsichi ifa taasifamerratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015