Qabeenyi albuudaa gabbataan Itoophiyaan qabdu imala badhaadhinaaf bu'uura kan kaa'udha

Sadaasa  14/2016 (TOI)- Ministirri muummee FDRI doktar Abiy Ahimad qabeenyi albuudaa gabbataan Itoophiyaan qabdu imala badhaadhinaaf bu'uura kan kaa'udha jedhan.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad  Ekspoo Albuudaa fi Teeknooloojii idil addunyaa yeroo 2ffaaf Finfinnee galma Barkumeetti sadaasa 14 hanga 18/2016tti qophaa'e eebbisanii bananiiru.

 Sirna baniinsa ekspoo kanaa irratti  haasaa taasisaniin;  Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo irraa haala adda ta'een biyya qabeenya albuudaa ol'aanaa qabdudha jedhaniiru.

Albuudni  oomisha alaa galuu bakka buusuuf qofa osoo hin taane, qonna, industirii fi dameewwan biroo deeggaruuf dandeettii guddaa akka qabu dubbataniiru.

 Damee oomisha  galii olaanaan irraa argamuu danda'u ta'uus himaniiru.

Ekispoon albuudaa kun warqee dabalatee albuudoo ni gati qabeeyyii hedduun Itoophiyaa keessattu akka argaman kan agarsiisudha jedhaniiru.

Kanaafuu, qabeenya albuudaa Itoophiyaan qabdu misoomsuuf qorattoonni, daldaltoonni fi qaamonni biroo haala diinagdee biyyattii deeggaruun damee kanarratti akka bobba’an waamichi taasisaniiru.

Ekispoon albuudaa kun imala badhaadhinaaf bu’uura kaa’uuf kan gargaaru yoo ta’u, damicha caalaatti hubachuu, misoomsuu fi itti fayyadamuuf carraa kan uumu ta’uus eeraniiru.

Dhuunfaa fi invastimatiin oomishamuu danda'urraa gahuu qaba jedhanii, kanaaf immoo misoomsitoonni gurmaa'anii hojii invastimatii damee kanaarratti bobba'anii hojjechuu qabu jedhaniiru.
 
Milkaa'inni kan argamu hojii malee taa'anii osoo hin taane, damee hunda irratti cimanii hojjechuudhaan akka ta'es hubachiisaniiru.

Dameen albuudaa biyya fooyya’aa dhaloota itti aanutti ceesisuuf humna guddaa akka qabu hubachuun hojii fooyyee qabu hojjechuun barbaachisaadha jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015