Itiyoophiyaatti Kurmaana waggaatti baay’inni tuuristootaa dabaleera - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaatti Kurmaana waggaatti baay’inni tuuristootaa dabaleera

Sadaasa 14/2016 (TOI) ፡- Itiyoophiyaatti Kurmaana jalqabaatti baay’inni tuuristootaa dabalee akka ture ministirri Tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii ibsan.
Raawwiin hojii mootummaa kurmaana jalqabaa bara bajataa 2016 ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti qoratameera.
Kanaanis dameelee tajaajilaa dinagdee fi hawaasummaa addaddaatiin raawwiin fooyyee qabu galmaa’uunsaa ibsameera.
Ministirri Tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii akka ibsanitti, kurmaana waggaatti baay’inni Tuuristoota biyya keessaas ta’e biyya alaa dabaleera.
Pirojektoonni gabataan biyyaaf jedhuu xumuramanii hojii jalqabanii fi jalqabuuf jedhanii qooda guddaa akka qaban ibsaniiru.
Gama biraan tuuristoota hedduu kan keessummeessan keessaa golambaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa tokko ta’uu eeraniiru.
Baay’inni Tuuristoota biyya keessaa waggaa waggaatti dabalaa dhufuu eeranii, kurmaana waggaa jalqabaatti namoonni miiliyoona 8 tuqaa 9 ol bakka tuurizimii daawwachuunsaanii beeksisaniiru.
Ministeerichi qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun bakkeewwan tuurizimii Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti beeksifamuusaa himaniiru.
Agarsiifni Tuurizimii fi Hospitaaliitii biyyaalessaa Fulbaana 29 bara 2016 ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin baname gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa gamasaaniin, kurmaana waggaa kanatti ayyaanonno addaddaa duudhaasaanii qabatanii akka kabajaman gochuun hojiin cimaan hojjetamuu ibsaniiru.
Ashandiyyee, Shaadeeyi, Solal, Masqala, Irreecha, Yaahodee, Gifaataa jijjiirraa baraa Yemii fi Kafichoo dabalatee ayyaanonni biroon duudhaasaanii aadaa eeganii akka kabajaman naannolee waliin hojjetamuusaa dubbataniiru.
የMinistirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamiil kurmaana waggaatti namoota walakkaa miiliyoonaa oliif carraan hojii uumamuusaa eeraniiru.
Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin yemmuu ilaalamu harka 30 ol caalmaa akka qabu himaniiru.
Namoonni kuma 120 ta’an karaa seeraqabeessaatiin biyya alaatti ergamuusaaniis eeraniiru.