Tarsiimoon tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa biyyaalessaa ragga’e - ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa biyyaalessaa ragga’e

Sadaasa 14/2016 (TOI) – Lammiilee harkaqalleeyyii tajaajila seeraa argachuu hindandeenye fayyaduuf kan dandeessisu tarsiimoon tajaajila seeraa bilisaa biyyaalessaa ragga’e.
Ministeerri haqaa sagantaa seera kana raggaasuu mul’isu adeemsisaa jira.
De’eetaa ministiraa haqaa obbo Alamantee Aggidoo dabalatee de’eetaan ministira nageenyaa Taayyee Danda’aa, de’eetaan ministiaa dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Alamituu Umood fi qooda fudhattoonni federaalaa fi naannolee sagantaa kanarratti argamaniiru.
De’eetaan ministira haqaa obbo Alamantee Aggidaw wayita kana akka jedhanitti, mirgi lammiileen tajaajila haqaa fi seeraa argachuuf qaban heera mootummaarra jiraatus rakkoolee tokko tokkoon hunda qaqqabuun haalli itti hindanda’amne jira.
Dubartoonni, daa’imman, maanguddoonni fi qaama miidhamtoonni , kutaaleen hawaasaa kanneen biroo sababa harkaqalleessummaan tajaajila argachuu hindandeenye tajaajila seeraa bilisa kennuuf rakkoon akka jiru eeraniiru.
Tarsiimoon tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa biyyaalessaa rakkoolee akkasii hiikuun lammiileen harkaqalleeyyii deeggarsa seeraa akka argatan kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Jiddugaleessota Yunivarsiitiitti argaman kanneen tajaajila deeggarsaa seeraa bilisaan kennan cimsuun kaayyoo tarsiimichaa kan biraa ta’uun himameera.
Tarsiimichi hojiirra oolee bu’aan barbaadamu akka dhufu qooda fudhattoonni qoodasaanii bahuu akka qaban himaniiru.