Godina Silxeetti midhaan sassaabbiif gahe lafa heektaara kuma 69 irraa sassaababmaeera

Sadaasa 14/2016 (TOI)-Godina Silxeetti midhaan Arfaasaa fi ganna misoome amma ammaatti lafa heektaara kuma 69 irraa sassaabamuusaa qajeelchi qonnaa godinichaa beeksise.

Bulchaa itti aanaa fi ittigaafatamaan qajeelcha qonnaa naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaa godina Silxee obbo Mursel Amaan TOI’f akka himanitti, midhaan Arfaasaa fi ganna oomishame irra caalaan sassaabameera.

Godinichatti bara oomishaa 2015/16 qonna  Arfaasaa fi gannaa lafa heektaara kuma 119 misoome keessaa heektaara kuma 69 irraa midhaan sassaabameera jedhan.

Kan hafe heektaara kuma 50 irraa sassaabuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Amma ammaatti oomishni kuntaala miiliyoona 5 sassaabamuu ibsanii, kuntaalli miiliyoona 8 akka eegamu dubbataniiru.

Boqqoolloo, Qamadii, Xaafii fi misingaa, akkasumas Barbaree, Roozmarii fi mi’eesituuwwan biroo  irra caalaa godinichatti akka oomishaman himaniiru.

Kanneenirraas bara oomishaa kanatti oomishni gaarii akka argamu ni’eegama jedhan.

Wayita sassaabbiitti oomishni akka hinqisaasamne meeshaaleen ammayyaa oomisha sassaabuuf gargaara 100 ol aanaalee godinichaa galchuun midhaan sassaabiif gahe sassaabaa jiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015