Kurmaana waggaatti Miseensonni hawaasa daldalaa kuma 500 ol tajaajila oonlaayiniitti akka fayyadaman taasifameera

Sadaasa 14/2016 (TOI) – Kurmaana waggaa bara bajataa 2016tti eyyama daldalaa dabalatee miseensota hawaasa daldalaa kuma 500 ol tajaajila Kanaan walqabatan karaa oonlaayinii taasifamuusaa taasifamuun ibsame.

Raawwiin hojii mootummaa kurmaana jalqabaa bara 2016 ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti qoratameera.

Haala Kanaan dameelee tajaajila dinagdee fi hawaasummaa garagaraatiin raawwiin fooyyee qabu galmeeffamuun ibsameera.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Gabramasqal Caalaa, kurmaana waggaa jalqabaatti tajaajila si’ataa karaa teeknooloojii kennuun hojiin fooyyee qabu hojjetamuu ibsaniiru.

Keessumaa sirni gurgurtaa boba’aa hojmaata badaaf kan saaxilane waan ta’eef madda komii olaanaa ta’ee akka ture yaadachiisaniiru.

Amma garuu boba’aa bituuf ajajuurraa kaasee Finfinneetti geejjibsiisuu akkasumas haala raabsii sirna dijitaalaan to’achuun sadarkaa yaaliitti Finfinneetti jalqabamuusaa dubbataniiru.

Sirna daldalaa haaromsuun kurmaana jalqabaatti daldaltoota kuma 500 ol ta’aniif eyyama daldalda fi tajaajiloota walqabatan karaa oonlaayinii kennuun akka danda’ame ibsaniiru.

Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa gamasaaniin, kurmaana waggaa jalqabaatti tajaajiloota addaddaa karaa onlaayinii taasisuun hojiin fooyyeen hojjetamuu ibsaniiru.

Kana malees yaada ka’umsaa damee teeknooloojii (startappota) deeggaruun hojjetamuu eeranii, kunis karaa dijitaalaa tajaajila si’ataa kennuuf qoodnisaa olaanaadha jedhan.

Gama biraatiin raawwiin daldala alergii kurmaana jalqabaa gaarii ta’uusaa ministirichi dubbataniiru.

Fakkeenyaaf daldala jimaa alatti ergamurratti fooyyessa taasifameen jimaan alatti ergamu dachaan dabalamuusaa ibsaniiru.

 

Midhaan dheedhii fi dibataa alatti ergamuskrmaana jalqabaatti fooyyee qabaachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015