Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaaf deeggarsi birrii biiliyoona walakkaa ol taasifame

Sadaasa 13/2016 (TOI) – Naannolee fi bulchiinsonni magaalaa naannoo Itiyoophiyaa kibbaaf birrii biiliyoona walakkaa ol gumaachuun tumsasaanii agarsiisaniiru.

Naannolee fi bulchiinsonni magaalaa naannoo Itiyoophiyaa kibbaaf walumaa gala birrii biiliyoona 580 deeggaruun tumsasaanii agarsiisaniiru.

Deeggarsi kun sagantaa guyyaa har’aa naannichi ifatti hojii jalqabe irrattidha.

Deeggarsi kun naannolee hundaa fi bulchiinsota magaalaa akkasumas dureeyyotaan kan taasifame yemmuu ta’u naannoo Itiyoophiyaa kibbaa haaraa misoomsuu fi dhaabuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Af-yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar, itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaan waajjira muummee paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah dabalatee bulchitoonni naannolee, bulchiinsonni mafaalaa, hooggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Naannoon Itiyoophiyaa kibbaa murtee mana maree federeeshiniitiin naannoo 12ffaa ta’ee hundeeffamuunsaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015