Jiddugaleessawwan qorannoo sanyii filatamaa teeknooloojiiwwan haaraa waliin qindeessuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisaa jiru.

228

Sadaasa 13/2016 (TOI) - Jiddugaleessawwan qorannoo Qonnaa godina Harargee Bahaa fi Lixaatti argaman sanyii filatamaa teeknooloojiiwwan haaraa waliin qindeessuun qonnaan bultootaaf dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jiru jedhame.

Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Oromiyaatti

Kilaastarri Bahaa gamagama raawwi hojii waggaa magaalaa Harariitti taasisa jira.

Hoggantoonni jiddugalawwaan qorannoo qonnaa waltajicharratti argaman akka himanitti gosoota sanyii filatama midhaanii fi bunaa adda addaa teekinolojiiwwaan haaraa waliin windeessuun qonnaan bultootaaf dhihessuun oomishitummaan qonnaan bulaa akka dabalu taasifamaa jira.

Bara 1997 kan hundaa'e jiddugaleessi qorannoo Qonna Machaaraa omishitummaa Bunaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hogganaan jiddugalichaa obbo Faqqadaa Gammachuu himaniiru.

Haaluma kanaa jiddugaleesichi bara 2003 irraa eegalee sanyii bunaa 4 irratti qorannoo taasisaa ture qonnaan bultoota godina Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Arsii fi Baaleef rabsamuu himaniiru.

Jiddugaleesichi qorannoo midhaanii fi nyaata beelladaarrattis bal'inaan hojii qorannoo hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Sanyiin Boloqqee oomisha fooyyee qabu kennaan 2 fi sanyiiwwan nyaata beelladaa ooyiruu qonnaan bultootarratti makafamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015