Bara kana baratoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12 qoraman qabxii gaarii akka fidaniif hojjetama jira - ENA Afaan Oromoo
Bara kana baratoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12 qoraman qabxii gaarii akka fidaniif hojjetama jira

Sadaasa 13/2016 (TOI) - Bara kana baratoonni qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaan qoraman qabxii gaarii akka fidan hojiin baratoota qopheessuu ciminaan hojjetama jiraachuu Waajjiraaleen barnootaa naannoo Affaar fi Amaaraa yaada isaanii TOI'f kennan beeksisan.
Hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Affaar obbo Abduu Hasan akka himanitti naannichaatti bara darbe baratoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan kuma 5 fi 300 keessaa 19 qofatu qabxii dhibbeentaa 50 ol galmeesse.
Bu’aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa naannichatti galmaa’e kun baay’ee gadi aanaa ta’uu fi rakkoo qulqullina barnootaa waggootaaf ture kan agarsiise ta'uu himaniiru.
Bara kana qabxii baratoota qormaaticha furanii fooyyesuuf yeroon idileen ala barnoonni dabalataa kennamaa jirachuu himaniiru.
Akkasumas barattoota dandeettii addaa qabaniifi barnoota isaaniitiin caalmaa qaban simachuun kan barsiisu, 'Affaar Taaleenit Akaadaamii' naannichatti hundeeffamuusaa ibsaniiru.
Qulqullina barnootaa waliigalaa fooyyessuuf galteewwan barnootaa dabaluu, dandeettii barsiisotaa ijaaruu, kutaa barnootaa sirnaan fayyadamuu fi sirna qormaata daree fooyyessuu irratti xiyyeeffannaan addaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Abduun akka himanitti, kitaabni barnoota kutaa 12ffaa manneen barnootaa hundaatti rabsamee xumuramaa jiraachuu himaniiru.
Biiroo barnoota naannoo Amaaraatti qindeessaan sagantaa barnoota idilee fi ga’eessotaa obbo Tamaam Asheenaafii akka jedhanitti, qabxiin qormaata kutaa 12ffaa naannichatti gadi bu’uun isaa qulqullinni barnootaa rakkoo guddaa keessa jiraachuu kan mil'isedha jedhaniiru.
Barattoota bara darbe naannichatti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaa 3.2 qofan akka darban eeraniiru.
"Bu'aan argame qulqullina barnootaa irratti jijjiiramni dhugaa taasifamuu akka qabu nutti agarsiise," jedhaniiru.
Rakkoo kana hiikuuf marii bal’aan barsiisota, dura bu’oota mana barumsaa, maatii fi barattoota waliin gaggeeffameen rakkoo kana furuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu irratti waliigalameera jedhaniiru.
"Manneen barnootaa fi barattoota irraa eegaluun, namni hundi sadarkaa hundatti itti gaafatamummaa isaa akka ba'atuuf qophii duraa irratti hojjechaa jirras," jedhaniiru.