Godina Boorana Bahaa fi magaalaa Naqamteetti biqiltoota kanaan dura dhaabamaniif kununsi taasifama jira.

Sadaasa 11/2016(TOI) - Godina Boorana Bahaa fi magaalaa Naqamteetti biqiltoota kanaan dura dhaabaman guttatanii saaxilamummaa hongee akka hir'isaniif, miidhagnaa fi oomishaa fi oomishitummaan akka dabaluu gahee isaanii akka bahaniif kunisa barbaachisaa taasisaafii jiraachuu jiraatoonni godina Boorana bahaa fi naannawwaa magaalaa Naqamtee beeksisan.

Jiraatonni Godina Boora Bahaa akka himanitti, Misooma itti fufiinsa qabuun saaxilamummaa hongee hir'isuuf tattaaffiin eegalame gaarii ta’uu eeranii; biqiltuu dhaabuun qofa osoo hin taane kan dhaabame akka guddatuuf kununsa barbaachisaa taasisaafii jirachuu jiraatoonni kunneen himaniiru.

Biqiltoonni dhaabaman akka guddataniitti bishaan obaasuun beelladoonni akka hin balleesine irraa eeguun guyyaa guyyaan kununsa taasisuufiin barbaachisaa ta'uu eeraniiru.

Biqiltoonni isaan ganna darbe dhuunfaa fi gareen dhaaban hedduun isaanii kununsa barbaachisu taasisaa waan jiraniif qabachuu eeraniiru.


Waajjirri qonnaa godinichaa, godinichatti biqiltuuwwan bara darbe walakkeessa baatii Adoolessaa hanga dhuma baatii Hagayyaatti dhaabaman keessaa dhibbeentaan 78 ol qabachuu beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Masqaluu Tulluu godinichatti biqiltuun miliyoonni 28.5 dhaabamuu yaadachiisanii; kunis ittisa saaxilamummaa goginsaa hir'isuu bira darbee kanneen bu'aa dinagdee qaban ta'uu himaniiru.

Hojii eegumsaa misooma naannoo fi kunuunsa biqiltuu godinichatti taasifama jiru cimsuun yeroon booda hongeen godinichatti akka hin uumamneef cimsinee hojjenna jedhaniiru.


Haaluma walfakkaatuun magaalaa Naqamteettis biqiltuuwwan ganna darbe dhaabaman, kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun kununfamaa jiru jedhameera.

Qonnaan bultootaa fi hojjettoonni mootummaa kunuunsa biqiltuu irratti hirmaatan biqiltuun dhaabame qabatee guddachuun galma barbaadame akka gahuuf hojii kununsaa eegalle cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Hirmaattonni duula kununsa biqiltuurratti hirmaatan kunneen "dhaabuu qofa osoo hin taane, kunuunsuun dhaloota dhufu dachee magariisa haa dhaalchifun'' jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Naqamtee obbo Girmaa Kadir ekemtee akka jedhanitti, bara darbe biqiltuuwwan magaalichatti dhaabaman miiliyoona 2 fi kuma 180 keessaa dhibbeentaan 85 qabataniiru.

Biqiltoonni magaalichaa fi naannawwaa isheetti dhaabamanii turan haala gaariin kununfamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015