Arteefishaal Intalajensiidhaan hojiileen damee fayyaa ammayyeessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaran hojjetama jiru.

217

Sadaasa 11/2016 (TOI) - Inistiitiyuutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa karaa Arteefishaal Intalajensiidhaan hojiileen damee fayyaa ammayyeessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaran hojjetama jiraachuu beeksise.

Qorannoowwaan yeroo yaalii bu'a qabeesummaan isaanii mirkanaa'e yeroo dhihootti hojiirra kan oolan ta'uun himameera.

Bara kana addunyaarratti tajaajilli hundagaleessaa Artefishaal Intalajensiin kennuu ariitiin guddachaa fi baay'ee ammayyaa'aa dhufeera.

Artefishaal Intalajensiin beekumsa, dandeettii, afaanii fi yaada dhala namaa karaa hubannoo adda ta'een daataa bu'uureffatee rakkooleef ariitiin deebii kennuu kan dandeesisudha. Kun immoo oomishitummaa dachaan kan dabaludha.

Teeknooloojii Artefishaal Intalajensii kanatti biyyoonni Awurooppaa, Ameerikaa, Jaappaanii akkasuma kanneen birootti industirii fi dhaabbileen tajaajila kennan bal’inaan itti fayyadamuu erga eegalanii turaniiru.

Itoophiyaatti Inistiitiyuutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa bara 2012 yaada Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin hundeeffamuun; Adoolessa 10, 2013 eebbifamuun hojii jalqabuun isaa ni yaadatama.

Inistiitiyuutichi damee qonna, barnoota, eegumsa fayyaa fi hawaasummaa akkasuma tajaajila nageenyaaf akka ooluu hojjetama jira.

Itti aanaan daarektara olaanaa Instiitiyuuti Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa Doktar Taayyee Girmaa, bu'uuraa tarsiimoo dijitaalaa mootummaan guddina hunda galeessaaf oolchuuf hojjechaa jirurratti hundaa'uun hojiin baay'een hojjetama jira jedhaniiru.

Damee kanaaf bu'uura kan ta'e gamoon Artefishaal Intalajensii ijaaramee hojiirra jiraachuu himaniiru.

Bu’aa qorannoo inistiitiyuutichi hojjete namoonni kuma 700 ol daawwachuu isaanii eeranii; uummata biyya keessaa fi biyya alaa biratti hubannoo uumuuf mariin adda addaa qophaa’uu himaniiru.

Artefishaal intalajensii fayyadamuun biyyatiitti hanqina ogeessoota ispeeshaaliitii fi sub-ispeeshaalitii damee fayyaatiin jiru furuuf hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.

Teeknooloojii damichaa fayyadamuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Pirojektoonni qorannoo adda addaa yaaliiwwan irratti bu’a qabeessummaan isaanii mirkanaa'es yeroo dhiyootti akka hojiirra oolaanis ibsaniiru.

Kalaqawwan dhukkuba gogaa daa’immanii adda baasuu fi yaaluu, kaansarii harmaa adda baasuu, gosa dhukkuba sukkaaraa, hamma miidhaa fi dhiibbaa gara fuula duraatti qaqabsiisu tilmaamuu, hojii haqaa fi nageenyaa gargaaruu danda’an hojii yeroo dhihootti hojiirra oolanidha jedhaniiru.

Inistiitiyuutichi bara 2022tti bu’aa teeknooloojii Artefishaal intalajensiin Afrikaa keessatti adda duree ta'uuf hojjechaa jirachuu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015