Waldaaleen Hojii Gamtaa gahee isaanii haalaan akka bahaniif hojiin rifoormii hojjetama jira - ENA Afaan Oromoo
Waldaaleen Hojii Gamtaa gahee isaanii haalaan akka bahaniif hojiin rifoormii hojjetama jira
Sadaasa 10/2016(TOI) ፦Waldaaleen Hojii Gamtaa gabaa dursuun gahee isaanii haalaan akka bahataniif dandeetti isaanii guddisuuf kan dandeesisu hojiin rifoormii hojjetama jiraachuu Komishiniin Hojii Gamtaa Itoophiyaa beeksise.
Jiddu kana Ministirri Muummee FDRI Dr.Abiy Ahimad ibsa miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataaf kennaniin, lammiileen galii gadi aanaa qaban qaala'insa jireenyaatiin akka hin miidhamneef hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaaf maallaqa naanna’aa ramaduu fi gabaa Sanbataa irratti oomisha dhiyeessuudhaan hojjechaa turuu isaaniis ibsaniiru.
Finfinneetti wiirtuuleen daldalaa ijaaramuun qonnaan bultoonni oomisha isaanii kallattiin akka gabaaf dhiheessaan hojjetama jiraachuus ibsaniiru.
Hojii fi kenniinsa tajaajila waldaalee hojii gamtaa ammayyeessuun dandeettii invastimantii isaanii guddisuun qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru ittisuuf bu'aa guddaa qaba jedhaniiru.
Itti aanaan komishinara Komishinii Hojii Gamtaa Itoophiyaa Abdii Muummeed TOItti akka himanitti; Keessattuu damee qonnaa keessatti waldaaleen hojii gamtaa gahee isaanii bahaa kan turan ta’us, gama dandeettii raawwachiisummaatiin rakkoon isaan mudachaa jira.
Raabsi xaa’oo dhibbeentaan 98 fi sanyiin filatamaa dhibbeentaan 35 karaa waldaalee hojii gamtaa raabsamaa jiraachuu eeruun; teeknooloojiiwwan gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun oomishaa fi oomishtummaan qonnaa akka dabalu taasisaa jiru jedhaniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa qonnaan bultootaaf walitti hidhamiinsa gabaa uumuu bira darbee waggoota sagal darbaniif baazaarii fi agarsiisa qopheessuun oomisha qonnaa gatii madaalawaadhaan gabaa Finfinneef dhiyeessaa jiraachuus himaniiru.
Haa ta’u malee hanga baay’ina isaanii gabaa irratti dhiibbaa waan hin uumneer rakkoo gurmaa’insaa fi hojii akkasumas dandeettii hiikuuf haaromsi taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu waldaaleen hojii gamtaa hojiiwwan bal’aa hojjechaa jiraatanis, humna bittaa karaa seera qabeessa ta’een ta'e akka hin ijaarranne dubbatu.
Daldaltoonni seeraan alaa al-kallattiin gatii ol kaasuun qaala'insa jireenyaa daran hammeessaa akka jiran ibsaniiru. Riifoormiin yeroo dhiyootti hojiirra oolu rakkoo kana kan furu ta’uu beeksisaniiru
Kanaas dhimmoota hatattamaan furmaata argachuu qaban Ministeera Qonnaa fi Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa waliin ta’uun hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa naannolee hunda keessatti argaman gabaa Sanbataa irratti oomisha dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.
Fayyadamaan jidduu seenummaa daldaltootaa malee oomishtoota irraa oomisha akka bitatu gochuuf hojiin cimaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.