Ji'a sadi keessaatti maammiloonni haaraan kuma 76 ol fayyadamoo tajaajila Elektirikii ta'aniiru. - ENA Afaan Oromoo
Ji'a sadi keessaatti maammiloonni haaraan kuma 76 ol fayyadamoo tajaajila Elektirikii ta'aniiru.

Sadaasa 7/2016 (TOI) :- Bara bajataa kurmaana jalqabaatti maammiloonni haaraan kuma 76 fi 826 fayyadamoo tajaajila Elektirikii ta'uu Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksiseera.
Daarektarri Korporeetii Komunikeeshinii Tajaajila Humna Ibsaa Itoophiyaa obbo Malaakuu Taayyee TOItti akka himanitti, qaqqabummaa himna ibsaa babak'isuuf hojiin baay'een hojjetama jira.
Gama biraatiin itti quufinsa maamilootaa mirkaneessuuf hojiiwwan dandeesisaan hojii babal’ina teeknooloojii dabalatee fooyya’iinsi sirna keessoorratti hojiin hedduun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bara bajataa 2016tti maamiloonni haaraan kuma 600 ta'an tajaajila humna elektirikii fayyadamoo akka ta'an karoorfameera. Kana keessaas Kurmaana jalqabaatti maamiltoonni haaraan kuma 76 fi 826 fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan magaaloonni baadiyyaa fi gandoonni haaraan 11 fayyadamoo humna elektirikii ta'uu himaniiru.
Kurmaana kanatti hojii humna elektirikii babal'isuu Tajaajilli humna Elektirikii Itoophiyaa hojjechaa tureen lammileen kuma 3 fi 825 dhaabbii fi yeroon carraa hojii argachuu eeraniiru.
Dabalataan Magaaloota saddeetitti hojii fooyya’iinsa neetworkii fi deebisanii ijaaruu hojjetameen tajaajila humna ibsaa addaan hin cinne akka argatan taasifamuus himaniiru.
Gara fuula duraattis gandoota fi qe'eewwaan baadiyyaa tajaajila humna elektirikii hin argatiin akka argatan taasisuuf akkasuma bakkeewwaan humana elektirikii argatanii irraa ciccitu immoo akka dhaabbiin argatan taasisuu fi qisaasama humna elektirikii hir'isuuf ciminaan kan hojjetamu ta'uu himaniiru.
Tajaajilichi kurmaana kana gurgurtaa anniisaa irraa birrii biiliyoona 7.4 walitti qabuuf karoorfate keessaa Birrii biiliyoona 6.2 walitti qabuun karoora kana dhibbeentaa 83 galmaan gahuu akka danda’e eeraniiru.
Yeroo ammaa Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa maamiltoota gara miiliyoona 4.4 qaba.