Af-yaaii Aganyoo Tashaagar ittiaanaa dura taa’aa mana maree ummataa biyyaalessaa Chaayinaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Af-yaaii Aganyoo Tashaagar ittiaanaa dura taa’aa mana maree ummataa biyyaalessaa Chaayinaa waliin mari’atan

Sadaasa 06/2016(TOI)- Af-yaaiin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar daawwannaa hojiif Finfinneetti kan argaman ittiaanaa dura taa’aa mana maree ummataa biyyaalessaa Chaayinaa Loosaang Giiltisanii fi garee jilaasaanii waliin mari’ataniiru.
Af-yaaichi hariiroon Itiyoophiyaa fi Chaayinaa jidduu jiru akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1970 irraa kaasee amma har’aatti michoomaa fi tumsa cimaan ittifufuunsaa seenaqabeessa ta’uu eeruun, hariiroowwan ummattoota biyyoota lamaanii hariiroowwan fi tumsawwan mootummaa olaanaatti jijjiiramuunsaa agarsiisa guddaadha jedhaniiru.
Michoomni cimaan Itiyoo Chaayinaa mallattoolee waloo waliigaltee dinagdee fi cehumsa teeknooloojiin akkasumas dameelee hojii addaddaan kan dabaalaman akka qabu ibsaniiru.
Wlitti hidhamiinsi obbolummaa Magaalaalee biyyoota lamaanii uuman jiraachuunsaanii gumaacha hedduu akka qabu af-yaa’ichi ibsaniiru.
Mootummaan Chaayinaa nyaata barattootaa, pirojektoota qarqara lagaa, akkasumas carraan barumsaa bilisaa barattoota dargaggootaaf kennaa jiru biyyattiin fayyadamaa beekumsaa fi cehumsa teeknooloojii akka taate ibsaniiru.
Itti aanaa dura taa’aa Loosaang Giiltis gamasaaniin, hariiroo fi tumsi Itiyoo Chaayinaa kan ture ta’uu yaadatanii, lammiileen Chaayinaa kumaatamatti lakkaa’aman kutaalee biyyattii addaddaatti invastimantii addaddaarratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Akkasumas keessumaa mootummaan Itiyoophiyaa shororkeessummaa gaafa Afriikaatti mul’atu ittisuuf fedhii fi kaka’umsa cimaa qabu mootummaansaanii akka deeggaruu fi kanaafis dinqisiifannaa akka qabu ibsaniiru.
Mootummaan Chaayinaa hariiroo ittifufiinsaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee akka ittifufuu fi kanaafis qophii ta’uusaa ibsaniiru.
Itti aanaa dura taa’aa Loosaang Giiltis Itiyoophiyaan miseensa biyyoota ‘BRICS’ ta’uusheetti baga gammaddan jechuusaanii odeeffannoon mana maree federeeshiniirraa argame nimul’isa.