Wixineen labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa baadiyyaa damee qonnaa ammayyeessuu nidanda’a

Sadaasa 06/2016(TOI)- Wixineen labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa baadiyyaa ilaalchisuun qophaa’e damee qonnaa ammayyeessuu fi ittifayyadama qabeenyaa haqa qabeessa mirkaneessuu akka dandeessisu ibsame.

Manni maree bakka bu’oota ummataa bara hojii waggaa 3ffaa walgahii idilee 5ffaatiin wixinee labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa ilaalchisuun qophaa’erratti mari’ateera.

Barbaachisummaa wixinee labsichaa ilaalchisuun ministirri itti waamamaan olaanaa mootummaa Tasfaayee Beeljigee miseensota mana mareef ibsa bal’aa taasisaniiru.

Ibsa kanaanis wixineen labsii kun sadarkaa jireenyaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyessuu fi bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa ammayyaa diriirsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Qabiyyee lafa baadiyyaarratti mirga fayyadamummaa karaa mirkaneessuun fayyadamummaa dhaloota har’aa fi egeree kan mirkaneessu ta’uu himaniiru.

Wixineen labsii damee qonnaa ammayyeessuu fi itti fayyadama qabeenyaa haqa qabeessaa mirkaneessuuf akka dandeessisu miseensonni mana maree ibsaniiru.

Bulchiinsa lafa baadiyyaa, waliigaltee kiraa, lafa dabarsuu fi lafa qabsiisanii liqaa gaafachuu ilaalchisuun garuu labsicha keessatti ifatti kaa’amuu qaba jedhaniiru.

Miseensonni mana maree wixinee labsiirratti erga mari’atanii booda bal’inaan akka ilaalamu koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa tumsaan ammoo koree dhaabbataa seeraa fi haqaatti qajeelfameera.

Manni marichaa walgahiisaa har’aatiin wixineeleen labsii eegumsa deetaa dhuunfaa fi zoonii dinagdee addaas bal’inaan akka ilaalaman koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelfamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015