Gabaasonni miidiyaalee madaalawaa fi walitti bu’iinsaaf sababa ta’uurraa fagaachuu qabu

236

Sadaasa 05/2016(TOI)- Gabaasonni miidiyaalee madaalawaa, haqaqabeessaa fi wantoota walitti bu’iinsaaf sababa ta’uurraa fagaachuu qabu jedhan miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa.

Manni maree bakka bu’oota ummataa bara hojii sadaffaa walgahii idilee 4ffaa kaleessa taa’eera.

Walgahii Kanaan haasawa baniinsaa pirezidaant Saahilawarq Zawudee Fulbaana 28/2016 mana maree bakka bu’ootaa fi federeeshiniif taasisanirratti gaaffilee miseensota mana mareerraa ka’aniif ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsa bal’aa kennaniiru.

Gaaffilee miidiyaaleen walqabatanii ka’an ilaalchisuun deebii fi ibsa kennaniin miidiyaaleen 154 Itiyoophiyaatti argamu.

Rakkoon damee kanarratti mul’atu burjaajii gahee hojii  ta’uu kaasanii, kana sirreessuuf hojiin seera kabachiisuu sadarkaa sadarkaan nihojjetamu jedhaniiru.

Sirreeffamoonni itti fufuun taasifaman rakkooleen mul’atan furuuf kan dandeessisan akka ta’an dubbataniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa TOI’n dhimma kanarratti haasofsiise miidiyaaleen faayidaa dhuunfaaf jecha walitti bu’iinsaaf sababa ta’aii fi biyya diiguuf yaaii taasisan gocha badiirraa ofqusachuu qabu jedhaniiru.

 Miseemsi mana maree adde Beetel Malkaamuu, miidiyaaleen faayidaa dhuunfaaf qofa hojjetan sababa rakkoolee Itiyoophiyaa hedduuf sababa ta’uusaanii eeraniiru.

Keessumaa miidiyaaleen odeeffannoo sobaa uumanii akkasumas odeeffannoo dogoggoraa tamsaasaa jiran gocha badiirraa ofqusachuu qabu jechuun dubbataniiru.

Miseensi mana maree yaada kennan kan biraan doktar Najaat Girmaa, gabaasa miidiyaalee ilaalchisuun rakkoon hanqina naamusa ogummaa eeguun hojjechuurratti mul’atu sirraa’uu akka qabu kaasaniiru.

Gargaaraa piroofeesaraa Gannanee Gadabuu Gamasaaniin, gabaasonni miidiyaalee madaalawaa, haqaqabeessaa fi walitti bu’iinsaaf sababa ta’uurraa fagaachuu qabu jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015