Qonna ammayyeessuuf carraaqqii taasifamu keessatti qonnaan bultootaa fi gariin horsiise bultoota dureeyyoota waliin qindeessuun hojjechuun barbaachisaadha

Sadaasa 5/2016(TOI) - Qonna ammayyeessuuf carraaqqii taasifamu keessatti qonnaan bultoonni fi gariin horsiise bultoota dureeyyoota waliin qindeessuun hojjechuun barbaachisaa ta'uu Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee beeksisan.

Naannoo Gambeellaatti sagantaa Rood Maappii jijjirama qonnaa eegalchiisuu, waltajjiin marii fi daawwannaan hojii dirree guyyoota lamaaf geggeeffama ture xumurameera.

Jijjirama qonnaa fi ce'umsa tekinolojii qonnaa waggaa 10 keessaatti hojiirra oolchuuf naannichaatti jalqabamee saffisiisuuf qonnaan bultootaa fi gariin horsiise bultoota dureeyyoota hojii invastimantii qonnaa irratti bobba'anii jiran waliin qindeessuun akka hojjetan taasisuun barbaachisaa ta'uu Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee hubachiisaniiru.

Naannichatti dureeyyoon hojii invastimatii qonnaa hojjechaa jiran qonnaan bultootaa fi gariin horsiise bultoota naannichaaf deeggarsa tekinolojii qonnaa yoo taasisaan rood maappiin jijjiirama qonnaa naannichi hojiirra oolchuuf jalqabe yeroo gabaabaa keessatti galma ga’uu akka danda’u ibsaniiru.

Dabalataan Rood maappiin kun haala barbaadameen galma gahuu kan danda'u hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru rood maappii jijjiirama qonnaa naannichatti eegalame kana hojiirra oolchuuf ciminaan yoo hojjetedha jedhaniiru.

Ministeera Qonnaatti deetaan damee qabeenya invastimatii qonnaa doktar Soofiyaa Kaasaa gama isaaniin dureeyyoonni hojiin invastimatii qonnaarratti hirmaachaa jiran qonnaan bu;tootaa fi gariin horsiise bultootaa waliin qindoominaan hojjechuun ce'uumsa tekinolojii qonnaa keessaatti gahee olaanaa bahachuu qabu jedhaniiru.

Kana yoo taasisaan ofii qofa osoo hin taane jireenya hawaasa naannichaa fooyyeessuu keessaattis gahee isaanii bahachuu danda'u jedhaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Gambeellaa obbo Umood Ujuluu gama isaaniin rood maappii jijjirama qonnaa naannichatti eegalamee galmaan gahuu fi bu'a qabeessa taasisuuf hooggantoonni fi ogeeyyiin damichaa kutannoodhaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Mootummaan naannichaa milkaa’ina hojii kanaaf deeggarsa fi hordoffii cimaa kan taasisu ta'uus eeraniiru.

Invastaroota damee invastimantii qonnaa Gaambeellaatti hirmaatan keessaa obbo Zammaree Suyyuum, "hawaasa naannoo waliin hojjechuun hunda keenya ni fayyada" jedhaniiru.

Qonnaan bultoota naannoo isaanii jiraniif teeknooloojii qonnaa fi deeggarsa ogummaa biroo gochuun waliin hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015