Tamsaasa Kallatti:

Haala amma Itoophiyaan keessa jirtu keessatti, Qawween mootummaa kuffisuun gonkumaa hin danda'amu

Sadaasa 4/2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad haala amma Itoophiyaan keessa jirtu keessatti, Qawween mootummaa kuffisuun gonkumaa hin danda'amu jedhan.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffiiwwaan dhimmoota adda addaarratti yaa'ii idilee 4ffaa ta'amaa jiru irratti miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataarra ka'aaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Dhimma nageenyaa ilaalchisuun gaaffii miseensoota mana maree irraa dhihaateef yeroo deebisan haala qabatama amma Itoophiyaan keessa jirtu keessatti qawween mootummaa kuffisuun gonkumaa akka hin danda’amne ibsaniiru. Qawween osoo hin taane yaadaan waliin mariyachuuf rakkoo furuuf dursa kennuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Wal ajjeesuun kaayyoon galmaan geenyuus ta'ee bu'aan nun argannuu hin jirus jedhaniiru. Itoophiyaadhaaf bu'aa kan qabu mariyachuun badhaadhina isheef hojeechuudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015