Wanti nuti dubbannu, wanti hojjennu fi wanti nuti caalaatti barbaannu Itoophiyaa keessaa nageenyi waaraan akka jiraatudha - ENA Afaan Oromoo
Wanti nuti dubbannu, wanti hojjennu fi wanti nuti caalaatti barbaannu Itoophiyaa keessaa nageenyi waaraan akka jiraatudha

Sadaasa 4/2016 (TOI) - Wanti nuti dubbannu, wanti hojjennu fi wanti nuti caalaatti barbaannu Itoophiyaa keessaa nageenyi waaraan akka jiraatudha jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffiiwwaan miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataarraa dhihaateef ibsaa fi deebii kennaa jiru.
Haala nageenya ilaalchisuun ibsa kennaniin wanti nuti dubbannu, wanti hojjennu fi wanti nuti caalaatti barbaannu Itoophiyaa keessaa nageenyi waaraan akka jiraatudha jedhaniiru.
Waliigalaan waldhabdee kamiyyuu karoorfannee jalqabnee hin beeknu jedhaniiru.
Nuuf Itoophiyaan yeroo hundumaa biyya guddoodha, salphiifnees hin ilaallu; yaanni keenya dallaa jibbaa diiguudhaan riqichaa jaalalaa ijaaruudha, wal ajjeesuu caalaa yaadaa fooyyee qaburratti wal mormuu wayya jedhaniiru.