Daandiin aanaalee godina Baalee wal qunnamsiisu sababa roobaatiin manca’uusaatiin rakkoof saaxilamaa jirra-Jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Daandiin aanaalee godina Baalee wal qunnamsiisu sababa roobaatiin manca’uusaatiin rakkoof saaxilamaa jirra-Jiraattota

Onkoloolessa 30/2016(TOI)- Daandiin aanaalee godina Baalee wal qunnamsiisu sababa roobaatiin waan manca'eef rakkoof saaxilamaa jiraachuu jiraattonni komatan.
Waajjirri Suphaa daandii damee Baalee gama isaatiin rooba waqtiisaa malee roobaa jiruun daandiin manca’uun komii hawaasaa sirrii ta’uu kaasan.
Jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa, Harannaafi Barbaree daandii cirrachaa sababa roobaatiin manca'een tajaajila geejjibaatiin rakkachaa jiraachuu dubbatan.
Daandichi suphaa argachuun tajaajilli geejjibaa fooyyee qabu akka jiraatuuf qaamni dhimmi ilaallatu fala akka godhus gaafatan.
Biiroo Daandiiwwaniifi Loojistikii Oromiyaatti ittigaafatamaan waajjira suphaa daandii damee Baalee Obbo Nugusee Kabbadaa godinichatti daandii km 267 oliif suphaa salphaafi cimaa taasisuuf hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Keessattuu, daandiilee sababa hanqina suphaa dhabuufi rooba waqtii isaa malee roobaa jiruun manca'anii tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa uumaa jiran adda baasuun suphuuf hojiitti galamuusaa eeran.
Suphaa daandii tasaafi idilee sarara Maliyyuu, Haroo, Balee, Jibrii gurraa dhaamolee irratti karaa banaa jiraachuus dubbatan.
Suphaa daandiiwwanii kanaaf bajanni Qarshii miiliyoona 30 ta'u ramadamuusaas ibsan.
Ittigaafatamaan Ejansiin geejjiba godina Baalee Obbo Tashoomaa Lammii gama isaaniitiin ejansichi tajaajila geejjibaa si'ataa taasisuuf hojjachaa jira jedhan.
Keessattuu hubannoo nageenya tiraafikaafii riifoormiilee tajaajilicha si'ataa taasisan hojirra oolchaa jiraachuus himan.
Obbo Tashoomaan akka jedhanitti daandii sababa roobaatiin manca'ee tajaajila geejjibaarratti danqaa ta'aa dhufe furuuf qindoominaan hojjachaa jiraachuus akeekan.
Hojiin eegalame itti fufiinsaan kan gaggeeffamu ta'uu kan himan Obbo Nuguseen hawaasnis milkaa'ina hojii kanaatiif akka tumsan gaafataniiru.