Simpooziyeemiin Gamtaa idil Addunyaa Astiroonoomilaakala Itoophiyaatti geggeeffamuuf jedhame.

283

Onkoloolessa 30/2016 (TOI) - Simpooziyeemiin Gamtaa idil Addunyaa Astiroonoomilaakala 386ffaa Itoophiyaatti geggeeffamuuf jedhame.

Simpooziyeemiin kun Sadasaa 3 irraa eegalee guyyoota shaniif Finfinneetti kan geggeeffamu ta'uun himameera.

Simpooziyeemiin kun mata duree "Gahee Samii gurraachii fi qaamoleen Urjii Astiroo-Tuurizimii guddisuu Keessatti qaban" jedhuun kan geggeeffama jedhameera.

Simpooziyeemicha Gamtaa Astiroonomii Idil Addunyaa (IAU) Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospeesii, Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Ministeera Tuurizimii waliin ta’uun qopheesse.

Dhaabbilleen kunneen simpooziyeemii Sadaasa 3-7/2016tti Finfinneetti geggeeffamu ilaalchisuun TOI'f ibsa kennaniiru.

Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospeshiyaalitti Daarektarri Olaanaa walitti qaba qaxaana obbo Alamiyyee Maammoo; Simpooziyeemichii gumaachaa Saayinsiin hawaasaa gumaacha saayinsii fi teeknooloojiif qabuun alatti, gumaacha qorannoon saayinsii hawaa humna turizimii keessaatti qabu guddisuun guddina dinagdee keessaatti qabu fayyadamuu kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.

Keessattuu urjiilee fi pilaaneetonni samii gurracha keessatti mul'atan, lafti urjiileen itti mul'atan, haala qilleensaa mijataa fi meeshaaleen urjiilee arguuf itti fayyadaman, teleskooppii dabalatee akka meeshaalee astronomical ta'anitti akka ilaalaman akeekaniiru.

Kanaaf turizimii Astironoomikalaa irratti hojii misooma invastimantii fi guddina damichaa irratti mariin akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Haalli teesuma lafaa fi qilleensa Itoophiyaa turizimii Astironomikaalaaf mijataa ta'uu obbo Alamiyyeen himaniiru.

Itoophiyaatti bakkeewwaan turizimii Astironomikaalaa kanaaf mijataa ta'an kanneen akka Laallibaalaa, Gaarreen Baalee, gaaraa Daamootaa Walaayittaa, naannawwaa gaarreen Arbaa Miincitti argamanii ta'uu eeraniiru.

Simpooziyeemichi Itoophiyaan damee sadarkaa idil addunyaatti muuxannoo jiru kan irraa qooddattuufi damicha misoomsuuf kan itti fayyadamtu ta'uus himaniiru.

Ministeera Turizimiitti hogganaan gurgurtaa Masysii Turizimii obbo Buzu'aleem Geetuu akka himanitti, turizimiin Astironoomikaalaa ministeericha biratti akka damee turizimii addatti ilaalama.

Dameen kun Itoophiyaaf haara ta'uu eeranii, simpooziyeemicha irraa Itoophiyaan muuxannoo gama kanaan jiru qooddachuun turimii kanaa gara dinagdeetti jijjiruuf filannoowwan jiran akka ilaaltu taasisa jedhaniiru.

Miseensa koree qindeessituu simpooziyeemii Gamtaa Idil Addunyaa Astiroonoolokaala 386ffaa fi piroofeesara astiroonomii fi astiroofiiziksii kan taate Miryanaa Poviich Simpooziyeemiin kun xiyyeeffannoo fi deeggarsa hojii Itoophiyaan damee astiroonomii irratti hojjettu irratti gumaacha akka taasisu ibsaniiru.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa biroos dandeettii turizimii hawaa qaban fayyadamuun damee kana misoomsuu fi bu’aa diinagdeef oolchuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Simpooziyeemii kanaan dura, carraa turizimii dijitaalaa babal’isuu irratti xiyyeeffachuun, Sadasaa 1 fi 2/2016 waltajjiin qorannoo hawaa ardiilee ilaallatan ni gaggeeffama jedhaniiru.

Guyyoota lamaan kanatti Yuunivarsiitiiwwan damee tuuriizimii irratti hojjetan, daawwachiftootaa fi qooda fudhattoonni damichaa biroof leenjiin ijaarsa dandeettii turizimii Astiroonomii irratti ni kennama jedhameera.

Simpooziyeemii fi workishooppii kanarratti qooda fudhattoonni idil-addunyaa fi biyyaalessaa Afrikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa irraa 200 ol ta'an akka hirmaatan ibsameera.

Itiyoophiyaan Simpooziyeemii Gamtaa Astiroonomii Idil Addunyaa yeroo lammataaf kan qopheessitu yoo ta’u, kana dura bara 2019 Simpooziyeemii Gamtichaa 356ffaa qopheessiteetti.

Gamtaan Astiroonomii Idil Addunyaa bara 1919 hundeeffame Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa ta'an 85 qaba.

May be an image of 3 people, newsroom and text

See insights and ads

Boost post

All reactions:

22

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015