Naannoo ummattoota Itiyoophiyaa Kibba lixaatti midhaan lafa heektaara kuma 42 olirraa sassaabameera

Onkoloolessa 28/2016( TOI) - Naannoo ummattoota Itiyoophiyaa Kibba lixaatti lafa yeroo gannaa misoomerraa amma ammaatti midhaan lafa heektaara kuma 42 olirraa sassaabamuusaa itti aanaa pirezidaantii fi ittigaafatamaan biiroo qonnaa obbo Maasrashaa Balaachoo beeksisan.

Obbo Maasrashaan TOI’f akka ibsanitti, naannichatti bara oomishaa 2015/16 maasaan heektaara kuma 328 fi 427 midhaan addaddaa misoomaa jira.

Maasaa misoome heektaara kuma 65 fi 291 irraa Xaafii fi midhaan dheedhiin sassaabbiif gahuusaa dubbataniiru.

Midhaan sassaabbiif qaqqabe rooba yeroo maleetiin akka banne xiyyeeffannoon sassaabamaa akka jiru eeranii, amma ammaatti midhaan lafa heektaara kuma 42 ol sassaabbiif qaqqabe sassaabamuusaa eeraniiru.

Maasaa waliigala ganna misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 7 ni’argama jedhamee akka eegamu dubbataniiru.

Obbo Maasrashaan itti dabaluun yeroo ammaa midhaan qaqqabe sassaabuun cinaatti sochiin misooma Qamadii bonaa raawwatamaa akka jiru dubbataniiru.

Muuxannoowwan misooma Qamadii waggoota lamaan darban argaman bal’isuun barana bu’aa caalu galmeessisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Bona baranaa qamadii maasaa heektaara kuma 11 fi 400 irratti misoomsuuf karoorfamee amma ammaatti maasaan heektaara kuma 5 fi 13 ol adda baafamee qonni jalqabamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015