Hawaasni odeeffannoowwan dhuunfaa waliindhooftatarraa eeguu qaba

229

Onkoloolessa 27/2016 (TOI) -  Namni hundi haqa addunyaa Intarneetii hubachuu fi beekuun odeeffannoowwan dhuunfaa waliindhooftatarraa eeguu akka qabu bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo hubachiiseera.

Bulchiinsichi ibsa baaseen gabaan karaa onlaayinii taasifaman, waljijjiirraan odeeffannoo fi odeeffannoowwan waliif qoonnu akkaataa jireenya dhugaarratti dhiibbaa fidan beekuu fi hubachuun akka barbaachisu ibsera.

Karaa onlaayinii kan qoonnuu fi liinkii bannu eeguu nageenya dhuunfaa keenya eeguuf qooda olaanaa qaba.

Jidduu kana akkaawuntiiwwan telegiraamii fi feesbuukii hedduurratti liinkiiwwan dhugaa fakkaatan garuummoo ofduubaa waan tokko qaban ykn ergaawwan yemmuu deddeebi’an mul’atu jechuun ibseera.

Warri liinkii kana uuman odeeffannoo dhuunfaa fudhachuuf yaaduun odeeffannoowwan nama amansiisanii fi dhugaa fakkaatan qooduun liinkiin wayita banamu maqqaa guutuu, teessoo manaa fi lakkoofsa bilbilaa gaafachuun odeeffannoo erga argatanii booda haleellaa itti aanuuf karaa ittiin qophaa’anidha.

Odeeffannoo dhuunfaa hedduu karaa onlaayinii qooduun ajandaa dogoggorsaa waliindhooftonni uuman altokko tokko akka malee ofsaaxiluu ta’uusaa hubachuun akka barbaachisu hubachiiseera.

Odeeffannoo Karaa onlaayinii kennuun dura eenyummaa fi sirrii ta’uu nama fudhatuumirkaneesuutu barbaachisa.

Odeeffannoon dhuunfaa gabaa seeraan alaatti waan gurguramuu fi gatii baay’ee waan baasuuf yakkamtoonni Saayibarii odeeffannoo dhuunfaa nicabsu.

Har’a sadarkaa idil addunyaatti odeeffannoon hatame biyyoota addaddaa gabaa seeraan alaatti yemmuu argaman biyya keenyattis yakkamtoonni Saayibarii karaa onlaayinii odeeffannoo akka gurguran eereera.

Haala Kanaan lakkoofsi bilbila moobaayilii, teessoowwan imeelii, kaardii eti’emmii/lakkoofsi akkaawuntii baankii, teessoowwan ‘IP’, jechi iccitii ykn ‘PIN CODE’ fi odeeffannoowwan dhuunfaa gosoota odeeffannoo yakkamtoonni Saayibarii biyya keenyatti karaa onlaayinii gurguran ta’uu beeksiseera.

Hawaasni ofeeggannoo gochuun odeeffannoowwan dhuunfaa waliindhooftotarraa akka eegu bulchiinsichi hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015