Naannoo Oromiyaatti tajaajila Lammummaan hanga ammaatti hojiiwwan Birrii Biiliyoona 40 oliitti tilmaamamu hojjetameera- Biiroo Maallaqaa Oromiyaa

Onkoloolessa 26/2016(TOI) – Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti tajaajilli Lammummaan Birrii Biiliyoona 40 oliitti tilmaamamu hojjetamuusaa biiroon maallaqaa Oromiyaa keeksiseera

Bara kana naannichatti tajaajila lammummaa hojiiwwan adda addaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 2 oliitti tilmaamamu hojjechuun hawaasa fayyadamaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru biirichi ibseera.

Hanga ammaattis, hojiiwwan adda addaa birrii biiliyoona 40 fi miiliyoona 81 oliitti tilmaamamu hojjetamuu hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa, Dr Mohammad Naasir Abbaa Jamaal himaniiru.

Hojiiwwan hojjetamanis, manneen jireenya harka qalleeyyii ijaaruu, manneen barnoota bu’uura boruu fi mana jireenya barsiisotaa ijaaruu akkasumas deeggarsa meeshaalee barnootaa ta’uu eeraniiru.

Kana malees, keellaawwan fayyaa ijaaruu, dhiiga arjoomuu, sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu, daandiiwwan haaraa ijaaruu fi suphuu fi kan biroon hojjetamuu himaniiru.

 Kanaanis lammiileen miiliyoona 3 fi kuma 919 fi 938 fayyadamoo ta’uu Dr. Mohammad Naasir ibsaniiru.

Hojiin tajaajila lammummaa, hojii lammiilee hundi irratti hirmaachuu qaban ta’uu eeruun, hawaasni hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban Dr. Mohammad Naasir dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015