Sagantaa Maaddii Guutuun lammilee fayyadamoo taasisuuf hojii hojjetameen bu'aan gaariin argameera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa Maaddii Guutuun lammilee fayyadamoo taasisuuf hojii hojjetameen bu'aan gaariin argameera

Onkoloolessa 24/2016 (TOI) - Sagantaan Maaddii Guutuu erga jalqabee as lammileen hedduun fayyadamoo ta'uu fi bu'aan qabatamaa hedduunis irraa argamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad erga sagantaa Maaddii Guutuu jalqabsiisanii waggaa tokko ta'eera.
Kaayyoon sagantaa kanaa birmadummaa nyaataa mirkaneeffachuudha.
Sagantaan kun seenaa oomishitummaa Itoophiyaa jijjiruun wabii midhaan nyaataa mirkaneesuufi guddina dinagdee ariifachiisuu keessatti gahee olaanaa bahata jedhameera.
Sadarkaa biyyaatti raawwii sagantaa kanaa ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisaan Ministeera Qonnaatti hoji geggeesituun misooma beelladaafi qabeenya Qurxummii Tsiggeradaa Fiqaaduu sagantichi erga jalqabamee hojiin milkaa'aan hojjetamuu himaniiru.
Sagantaa Maaddii Guutuu kanaansadarkaa biyyaatti damma, aannan,fi misooma lukkuuf qee'een kuma 20 ol adda baafamuu gara hojiitti galfamuu beeksisaniiru.
Qe'ee kanatti hojiin hordoffii, dhiheessii galteewwanii fi hubannoo uumuu hojjetamuus himaniiru.
Oomishinni aannanii kanaan dura liitira biliyoona 5.8ture gara biliyoona 8.6tti guddachu himaniiru.
Waggoota itti aananityi gara liitira biliyoona 11.7 guddisuu hojjetamaa jira jedhaniiru.