Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaamolee bara 2015 raawwii fooyya’aa galmeessisan badhaase

Onkoloolessa 23/2016(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaamolee bara 2015 raawwii fooyya’aa galmeessisan badhaasuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanecha ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin “bara bajataa 2015 kutaalee magaalaa, deektarootaa fi kaabineewwan raawwii fi bu’aa fooyya’aa galmeessisan onnachiisuuf Konkolaataa badhaafneerra” jedhaniiru.

Haala Kanaan kutaa magaalaarraa-

1 Kutaa magaalaa Boolee

2 Kutaa magaalaa Qirqoos

3 Kutaan magaalaa Addis Katamaa badhaafamaniiru.

Seektaroota miseensa kaabinee hindaane keessaa ammoo-

1 Abbaan taayitaa daandiiwwanii

2 Ejensii bulchiinsa qulqullinaa

3 Ejensii soorataa

Biirolee miseensa kaabinee ta’an keessaa-

1 Biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii

2 Biiroo diizaayinii fi ijaarsaa

3 Biiroon barnootaa badhaafamuusaanii kantiibaa Adaanech beeksisaniiru.

Badhaafni kun bara bajataa bardheengaddaa kanneen biroo waliin walcinaatti yoo ilaalamu raawwii gadi aanaa kanneen galmeessisan caalaatti xiyyeeffannoo kennanii akka hojjetan gaabbii akka uumu nan amana jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015