Tamsaasa Kallatti:

Diyaaspooraan Itoophiyaa ji'oota sadan darban karaa seeraan doolaara biliyoona 1.1 ol gara biyyaatti ergeera.

Onkoloolessa 22/2016 (TOI) -  Bara bajata kana diyaaspooraan Itoophiyaa karaa seera qabeessaan doolaara biliyoona 1.1 ol gara biyyaatti erguu Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa beeksise.

Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa  raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara bajataa 2016 irratti maryateera.

Tajaajilichi wayita kana akka beeksisetti ji'a Hagayyaafi Adoolessaa miseensoonni diyaaspooraa Itoophiyaa 500 ta'an lakkoofsa herreegaa sharafa biyya alaa banachuun doolaara kuma 699 kaawwachuu beeksiseera.

Karoora kurmaana 1ffaa kanatti  sharafa biyya alaa diyaaspooraa irraa argamu guddisuuf deeggarsaafi hordoffii taasifameen diyaaspooraan doolaara biliyoona 1.1 ol karaa seera qabeessa biyyatti erguus beeksiseera.

Hirmaannaa diyaaspooraan misooma keessatti qabu guddisuuf  miseensonni diyaaspoooraa 250 damee daldaalafi invastimantiirratti akka hirmaatan hojiin hordoffii, deeggarsaafi gorsaa taasifamuufii ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015