Laaboraatoorii qorannoo Chaayinaa-Itiyoophiyaa Finfinneetti ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame

265

Onkoloolessa 22/2016 (TOI)-Ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa Chaayinaa bulchiinsa Henaan waliin Laaboraatoorii qorannoo Chaayinaa-Itiyoophiyaa Finfinneetti ijaaruuf waliigalteen mallatteesseera.

Waliigaltichi akkaataa hammattoo Beelt endi roodiitiin waliin hojjechuu fi laaboraatoorii qorannoo Chaayinaa-Itiyoophiyaa ijaaruuf kan dandeessisu ta’uun eerameera.

Waliigalticha hooggantoonni ministeerichaa fi Ghaayinaatti ambaasaaddarri Itiyoophitaa Tafarraa Darribewu bakka argamanitti hooggantoota bulchiinsichaa waliin mallatteessaniiru..

Dabalataanis Yuunivarsiitii Jenjuu Noormaal bulchiinsichatti argamuu fi manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi fedhii addaa Yuunivarsiitichaaf itti waamamanii daawwachuunsaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.

Waliigalteen kun ministirri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee foramii dubartootaa idil addunyaa Chaayinaatti qophaa’erratti wayita hirmaatanitti daawwannaa bulchiinsa Henaan wayita daawwatanitti waliigaltee hooggantoota bulchiinsitti waliin irra gahaniin kan raawwatame ta’uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015