Waltajjiiwwan Itiyoophiyaan Invastimantiif mijattuu ta’uushee agarsiisan Afriikaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi jiddugaleessa bahaatti adeemsifamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Waltajjiiwwan Itiyoophiyaan Invastimantiif mijattuu ta’uushee agarsiisan Afriikaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi jiddugaleessa bahaatti adeemsifamaniiru

Onkoloolessa 22/2016 (TOI) –Dippilomaasiin siyaasaa Itiyoophiyaa gabaa alaa barbaaduu, cehumsa teeknooloojii fi Invastimantii kallattii alaa hawachuun dippilomaasii dinagdeef bu’uura Kaa’uusaa ministeerri dhimma alaa ibse.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Mallas Alam dhimmoota dippilomaasii wayitaawaarratti ibsa torbee kennaniiru.
Ibsa kanaanis baatiiwwan sadan darban dippilomaasiin siyaasaa dippilomaasii dinagdeef bu’uura kaa’uusaa dubbataniiru.
Dippilomaasiin siyaasaa oomishoota Itiyoophiyaaf gabaa alaa mijeessuun, invastimantii kallattii alaa hawachuun, cehumsa teeknooloojiitiin, damee tuurizimiitiin dinadee jajjabeessuusaa ibsaniiru.
Waltajjiiwwan filmaatota invastimantii mijataa Itiyoophiyaa beeksisan 48 Afriikaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi jiddugaleessa bahaatti adeemsifamuu dubbataniiru.
Baatiiwwan sadan bara bajataa kanatti dureeyyonni biyya alaa 53 daawwannaa invastimantiin duraa taasisuusaanii eernaniiru.
Dureeyyonni biyya alaa shan dureeyyota biyya keessaa waliin shariikaan hojjechuuf waliin dubbachuusaanii kan yaadachiisan ambaasaaddar Mallas, sochiin daldalaa fi biizinasii haala gaariirra jira jedhan.