Baatiiwwan sadan darban Finfinneetti sadadoota kuma 20 ol karaa oonlaayinii mirkaneessuun danda’ameera

231

Onkoloolessa 20/2016 (TOI) - Baatiiwwan sadan darban Finfinneetti sadadoota kuma 20 ol karaa oonlaayinii mirkaneessuun akka danda’ame ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa beeksise.

 Daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa Yoonaas Alamaayyoo, hojmaanni badaa fi bu’aa bayiin  Kanaan dura karaa taateewwan bu’uraa mul’achaa turan hambisuun hojmaatichi karaa teeknooloojii ammayyaa akka gargaaramu taasifameera jedhan.

Tajaajila kana si’ataa fi ammayyaa’aa taasisuun gamatti qaqqabinsisaas akka bal’atu taasifamuu ibsaniiru.

Waraqaa eenyummaa jiraattotaa fi sanadoota taateewwan bu’uraa dijitaalaayiz gochuu, sirna kafaltii dijitaalatti jijjiiruu fi hojaatilee haaraa biroo hojeeffamuusaanii himaniiru.

Tajaajilli kiennamu ammayyaa’aa fi si’ataa waan ta’eef hojmaata badaa fi bu’aa bayii  Kanaan dura ture hambisuun bu’aan qabatamaa argamuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan baatilee sadan turan tajaajila waajjira muummeetti kennameen sanadoot kuma 20 ol karaa oonlaayinii mirkaneessuun danda’ameera jedhan.

Baay’ina tajaajilamtootaa waliin yemmuu ilaalamu hojiin guddaan kan eegamu ta’ullee hojii amma ammaatiin bu’aan gaariin argameera jedhan.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa waajjira muummeetti qofa waan maxxanfamuuf qaqqabiinsisaa amma barbaachisu akka hintaane eeraniiru.

Kanaaf rakkoo kana egereef furuuf kutaalee magaalaa hundatti maxxansuun jalqabameera jedhan.

Siistama tureen alatti siistamni haaraan aanaalee hunda qaqqabaa taasisu hojeessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015