Afriikaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf dargaggoonni abbootii teeknooloojii kalaqaa imaanaa olaanaa qabu-Mufariyaat Kaamiil

306

Onkoloolessa 16/2016 (TOI)- Afriikaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf dargaggoonni abbootii teeknooloojii kalaqaai maanaa olaanaa qabu jedhan ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil.

Awwaardiin Giloobaal Istaart Aappii Afriikaa sakantaa xumura dorgommii baranaa Finfinnee addababayii Michoomaatti adeemsiseera.

Hooggantoonni mootummaa olaanoo, ambaasaaddaroonnii fi keessummoonni biyyoota Afriikaa addaddaarraa walitti dhufan sagantaa kanarratti argamaniiru.]

Awwaardiin Giloobaal Istaart Aappii Afriikaa qaama awwaardii Istaar Aappii idil addunyaa yemmuu ta’u, bu’aalee Teeknooloojii hawaasa fayyadan dorgomsiisuun nibadhaasa.

Haala Kanaan barana sadarkaa Ardiitti abbootii teeknooloojii kalaqaa jalqabdootaa (Istaart Aappota) 70 ol ta’an dorgomsiiseera.

Kanarraa ka’uun rakkoo hiikuu fi hawaasaaf gumaacha akka taasisan abdii-qabeessa ta’an abbootiin kalaqaa 15 mo’ataniiru.

Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil wayita kana akka jedhanitti, Afriikaan sadarkaa idil addunyaatti kufaatii hawaasaaf fakkeenya ta’uunshee hafaa jira.

Faallaa kanaa ardiin Afriikaa jiddugaleessa kalaqxoota teeknooloojii ta’aa dhufuushee kaasaniiru.

Kana caalaatti cimsuuf yaadamoota haaraa fi kalaqaan addunyaa qaqqabuuf akka Afriikaatti hojjechuu qabna  jedhaniiru.

Keessumaa dargaggoonni kalaqaa fi Teeknooloojiin bu’a qabeessa akka ta’an xiyyeeffannaa kennuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dargaggoonni Afriikaa abbootii kalaqaa fi teeknooloojii ammoo Afriikaa jijjiiruuf itti gaafatama akka qaban eeranii, kanaafif cimuu qabu jedhaniiru.

Tumsituun hundeessituu Awwaardii Giloobaal Istaart Aappi Afriikaa Kaatliin Naash gamasaaniin, egeree fooyyee qabdu uumuuf dargaggoota Teeknooloojiirratti hojjetan deeggaruun kan filatamudha

Kana ka’umsa godhachuun Awwaardiin Giloobaal Istaart Aapp Afriikaa kalaqxoota Afriikaa yaada fooyyee qaban biyyootarraa walitti fiduuurratti bal'inaan hojjetameera jedhan.

Awwaardiin Giloobaal Istaart Aapp Afriikaa kalaqxoonni muuxannoo akka waljijjiiran, Fandii akka argatan akkasumas oomishnii fi tajaajillisaanii hojiirra akka oolan carraa uumeera jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015