Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya kamiyyuuttiyyu weerara raawwattee hin beektu, gara fuula turaattis hin raawwatu. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya kamiyyuuttiyyu weerara raawwattee hin beektu, gara fuula turaattis hin raawwatu.
Onkoloolessa 15/2016 (TOI) - Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya kamiyyuu weerartee hin beektu, ara fuulduraattis hin raawwattu jedhan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaan mata duree "Waraana injifataa qormaata hunda keessatti cimee dhaabbatu" jedhuun taateewwan adda addaatiin kabajameera.
Guyyaan kun Finfinnee addabaabayii Masqalaatti kan kabajamee yoo ta'u sirna kanarratti Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ministirri Muummee Dr . Abiy Ahimad dabalatee Qonadaaltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, hoggantoonnii mootummaafi keessummoonni biroon argamaniiru.
Doktor Abiy haasaa sirna kanarratti taasisaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa seenaa isaa sakatta’ee qorachuun guyyaa hundeeffama isaa kabajachaa jira jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa seenaa isaa waggaa dhabbaa olii keessaatti biyya tiksuu malee rakkoo biyya isaarratti raawwatee hin beeku jedhaniiru.
Kana malees Itoophiyaan takkaa seenaa ishee keessatti biyya kamiyyuu weeratee hin beektu, gara fuula duraattis hin gootu jedhaniiru.
Raayyichi seenaa ergama nagaa eegsisuu biyya keessaatti, Afrikaafi Kooriyaatti raawwataan eeggachaa gara fuula duraattis ergamoota biroo irratti hirmaachuuf ciminaan ni hojjeta jedhaniiru.
Dhiheenya kana Itoophiyaan dhimmoota tokko tokko irratti mari’achuu qabna yaada jedhu yeroo kaaftu weerara raawwachuuf jechuun yaaddoon kaasaa kan jiran eeranii, Itoophiyaan waanni humnaan milkeessuuf hojjettu kamiyyuu hin jiru jedhaniiru.
Guddinaa, badhaadhinaafi fayidaa waloo bu'uura godhachuun hundumaa injifataa karaa taasisuun fayidaa waloon ni kabachiifna, garuu humnaan fedhii keenya galmaan ga’uuf gonkumaa hin yaadnu jedhaniiru.