Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Kantiibaa Atilaantaa waliin mari’atan

Onkoloolessa 14/2016(TOI)- Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Kantiibaa magaalaa Atilaantaa Andiree Diikeensi waliin mari’ataniiru.

Marii Kanaan hariiroon gamlamee daldalaa, Invastimantii, barnootaa, cehumsa teeknooloojii, aadaa fi tuurizimiin magaalota lamaan jidduutti jalqabaman haala cimanirratti mari’ataniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Gara Atilaantaatti balallii erga jalqabee asitti hariiroon biyyoota lamaanii fi ummattootaa cimuusaa ibsanii daawwattoota gara Finfinnee dhufan dabaluusaa kantiibaa Adaanecha marii Kanarratti kaasaniiru.

Fuulduras tumsa biyyoota lamaanii sadarkaa fooyyeerraan gahuu fi dameelee tumsaa biroo adda baasuuf gareen teekniikaa biyyoota lamaanirraa baba’e dhaabuun hojjechuuf waliigalaniiru.

Kantiibaa Adaanech turtii Atilaantaatti taasisaniin doktora kabajaa kennamef, awwaardii lammummaa Goorjiyaa akkasumas simannaan Kantiibaa Andiree Dikseniin taasifameef galateeffataniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee turtiisaanii Atilaantaa Goorjiyaa xumuranii Finfinneetti deebi’uusaanii odeeffannoon waajjira kantiibaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015