Mariin paanaalii biyyaalessaa mata duree ''Ida’amuun qabeenya uumuuf, kennaa bulchuu fi gootummaa ceesisuuf” jedhuun magaalaa Hoosaa’inaatti taa’amaa jira

Onkoloolessa 13/2016 (TOI) - Mariin paanaalii biyyaalessaa naannoon jiddugaleessa Itiyoophiyaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree ''Ida’amuun qabeenya uumuuf, kennaa bulchuu fi gootummaa ceesisuuf” jedhuun qopheessan magaalaa Hoosaa’inaatti taa’amaa jira.

Itti aanaan bulchaa naannoo Jiddugaleessa Itiyoophiyaa obbo Indashaawu Xaasoo, waajjira ministira muummeetti ministirri jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Zaadiig Abrahaa, de’eetaan ministiraa pilaanii fi misoomaa doktar Namarraa Gabayyoo, gorsaan olaanaa quunnamtii ummataa mootummaa naannoo Oromiyaa doktar Biqilaa Hurrisaa, hooggantoonni federaalaa fi naannoo, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi hirmaattonni hedduun marii paanaalii kanarratti argamaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaadama Ida’amuu beekumsa biyyaarratti dhaabbate biyyaaf kan gumaachan yemmuu ta’u, yaadamni kun dhalootaaf akka darbu kitaabota “Ida’amuu”, “Daandii Ida’amuu” fi “Dhaloota Ida’muu” jedhan barreessaniiru.

Mariin paanaalii naannoon jiddugaleessa Itiyoophiyaa TOI waliin ta’uun boqonnaa shanaffaa kan ta’e “Imala Ida’amuu” mata duree “Ida’amuun qabeenya uumuuf, kennaa bulchuu fi gootummaa ceesisuu” jedhuun waliin qopheessan yaadamni kun sirriitti akka qabatamu kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Barreeffamoonni Ida’amuu fi naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa, Walitti hidhamiinsa ummattootaa fi seenessa Abiyyi, Ida’amuun tokkummaa biyyaaf, ijaarsa mootummaa biyyaa fi mootummaa sabaa, qabeenya Ida’amuu uumuuf, kennaa bulchuu akkasumas kennaawwan jiddugaleessi Itiyoophiyaa ida’amuun uume jedhan dhihaatanii mariin nitaasifama jedhameera.

 Waltajjiiwwan imala Ida’amuu afur Kanaan dura magaalaalee afuritti adeemsifamuunsaanii nibeekama.

Naannoon jiddugaleessa Itiyoophiyaa Hagayya 12 bara 2015 ifatti kan hundeeffame yemmuu ta’u, sabaa fi sablammoota hedduu kan ofkeessatti qabatedha.

Sanbata dhufu xumurri hundeeffama mootummaa naannichaa magaalaa Hoosaa’inaatti ni’ifooma.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015