Mariin paanaalii mata duree “Ida’amuun qabeenya uumuuf, kennaa bulchuuf gootummaa ceesisuuf” jedhuun magaalaa Hoosaa’inaatti nitaa’ama

Onkoloolessa 13/2016 (TOI)- Mariin paanaalii Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa mootummaa naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “Ida’amuun qabeenya uumuuf, kennaa bulchuuf, gootummaa ceesisuuf” jedhuun magaalaa Hoosaa’inaatti Boru ni’adeemsifama.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaadama Ida’amuu kaleessarraa barachuun, har’a guddisuun boruuf daandii eeru beekumsa biya keessaarratti hundaa’e biyyaaf gumaachuunsaanii nibeekama.

Yaadamni kun sirriitti akka qabatamuu fi dhalootaaf akka darbu kitaabota “Ida’amuu”, “Daandii Ida’amuu” fi “Dhaloota Ida’amuu” jedhanbarreessaniiru.

TOI hammattoo Imala Ida’amuu” jedhuun waltajjiiwwan marii paanaalii kutaalee hawaasaa addaddaa hirmaachisan magaalaalee buyya keenyaa addaddaa keessatti adeemsisaa jira.

Kaayyoon olaanaa waltajjiilee kanaa yaadama ida’amuurratti hubannoo bal’aa uumuuf waliigaltee biyyaalessaa, tokkummaa fi walooma cimsuudha.

Guyyaa boruus mariin paanaalii mata duree “Ida’amuun qabeenya uumuuf, kennaa bulchuuf, gootummaa ceesisuuf” jedhuun qophaa’e naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaatti magaalaa Hoosaa’inaatti ni’adeemsifama.

Waltajjii kanarrattis barreeffamoonni ka’umsa maree Ida’amuu fi faayidaa biyyaalessaa seenessa haaraa, Ida’amuun qabeenya uumuu fi kennaa bulchuu akkasumas aadaa hojii hooggansaa badhaadhina uumuuf jedhan dhihaatanii mariin bal’aan nitaasifama jedhameetu eegama.

Hooggantoonni olaanoo mootummaa federaalaa, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi keessummoonni biroon nihirmaatu.

Waltajjiin akkasii Kanaan dura magaaloota Finfinnee, Bishooftuu, Jigjigaa fi Asoosaatti kan adeemsifaman yemmuu ta’u, waltajjiin guyyaa boruus boqonnaa shanaffaa ta’uun ibsameera.

Waltajjiin boqonnaa Afurii mata duree “Ida’amuun biyya mootummaa cimaa ijaaruu fi tokkummaa sabdaneessummaa” jedhuun Fulbaanaa darbe naannoo Beeniishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti adeemsifamuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015