Miidiyaaleen dhimmaa fayidaa biyyaalessaa irratti lammileen ejjennoo wal fakkaataa akka qabaatan hojjechuu qabu

504

Onkoloolessa 12/2016 (TOI) - Miidiyaaleen dhimmaa fayidaa biyyaalessaa irratti lammileen ejjennoo wal fakkaataa akka qabaatan hojjechuu qabu jedhame

Biyyoonni fayidaa biyyaalessaa isaanii kabachiifachuuf damee isaan itti fayyadama keessaa tokko miidiyaa ta'uun beekamaadha.

Keessattu miidiyaaleen lammileen dhimma fayidaa biyyaalessaa irratti ilaalcha wal fakkaata akka qabaan taasisuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Yuunivarsiitii Arbaa Miincitti barsiisaa ogummaa Gaazexeessuummaa Tasfaayee Alamaayyoo, dhimmi fayidaa biyyaalessaa kan yeroo tokko qofaa ajandaa ta'anii dhaabatan osoo hin taane walitti fufinsaan hojjetamuu kan qabanidha jedhaniiru.

Kanaaf immoo miidiyaaleen haala qabatamaa biyyi keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun odeeffannoo sirrii hawaasaan gahuu akka qaban eeraniiru.

Akka fakkeenyaatti gaaffii hulaa Galaanaa qabaachuu Itoophiyaa lammileen ejjennoo waloo qabaatanii akka irratti hojjetaniif miidiyaaleen hojii walitti fufinsa qabu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Gaaffichi guddina dinagdee Itoophiyaan amma irra geesse, fedhii uummataa bu'uura kan taasifate waan ta'eef walitti fufinsaan irratti hojjetanii hubannoo uumuun ejjennoo wal fakkataa hunduu akka qabatu taasisa jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Dillaatti barsiisa ogummaa Gaazexeessummaa kan ta'an Ibraahim Abdallaa gama isaaniin miidiyaaleen dhimmoota fayidaa biyyaalessaa ilaallatan irratti xiyyeeffannoofi gad fageenyaan hojjechuun dirqama isaanii bahuu qabu jedhaniiru.

Haaluma kanaan gaaffii Itoophiyaan hulaa Galaanaa ilaalchisuun odeeffannoo sirrii fi qabatamaa ta'e kennuun karaa dogoggoraa akka hin hubatamnee taasisuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen Itoophiyaa lammileen dhimma tokko irratti hubannoo ifa ta'e akka qabaataniif hojii cimaa hojjechuurratti hanqina akka qaban eeranii, dhimmoota biyyaaleessa irratti ajandaa bocuun odeeffannoowwaan dogogoraa shakkii uuman hambisuu keessatti gahee isaanii bahuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015