Biyyoonni faayidaa biyyaalessaa fi Birmadummaa isaanii kabachiifachuuf, hubannoo lammileen nageenya saayibarii irratti qaban guddisuu qabu

221

Onkoloolessa 12/2016 (TOI) - Biyyoonni faayidaa biyyaalessaa fi Birmadummaa isaanii kabachiifachuuf, hubannoo lammileen nageenya saayibarii irratti qaban guddisuu qabu jedhan Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Salamoon Sokaa.

Obbo Salamoon kana kan dubbatan marii paanaalii ji’a nageenya saayibarii 4ffaa qophaa’e irratti haasawa taasisaniin.

Haasaa isaaniin biyyoonni faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa isaanii eeggachuuf, hubannoo lammiileen nageenya saayibarii irratti qaban guddisuu, bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo isaanii haleellaa saayibarii irraa eeguu, akkasumas hirkattummaa teeknooloojii jalaa bahuu mirkaneeffachuu qabu jedhaniiru.

Yeroo ammaa biramaduummaa biyyaatti waantoota qormaata ta'an keessaa tokko nageenya saayiber ta'uu eeranii, keessumaa saayibarii daangaan kan hin daangesine, amala walxaxaa fi tilmaamuun rakkisaa ta'ee kan qabu waan ta’eef, biyyi dandeettii nageenya saayibarii ishee yoo hin guddifne, birmadummaa fi dantaan biyyaalessaa ishee rakkoo hamaa keessa seenuu danda'a jedhaniiru.

Itoophiyaatti haleellaan saayibarii namoota dhuunfaa,dhaabbilee fi bu’uuraalee misoomaa mootummaa ijoo ta'an irratti raawwatamu nageenya biyyaatiif yaaddoo ta’uu Solomoon himaniiru.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, nageenya odeeffannoofi bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo biyyattii mirkaneessuu, ijaarsa nageenyaa, misoomaa fi dimokiraasiif hojiirra akka oolanii fi dantaa biyyoolessaa Itoophiyaa eeguuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsichi waltajjiiwwan hubannoo nageenya saayibarii cimsan qopheessuun akkasuma miidiyaalee fayyadamuun fayidaa biyyaalessaa Itoopiyaa eegsisuuf hojjechaa jiraachuu ragaan Bulchiinsicharra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015