Tamsaasa Kallatti:

Dr. Abiy Ahimad Chaayinaa Bulchiinsa Siinzhiwaanitti kan argamtu Magaalaa lalistuu Cheengiduu daawwatan.

Onkoloolessa 9/2016(TOI) - Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad, daawwannaa Chaayinaa Magaalaa Shaangihaayitti taasisaniin booda, Bulchiinsa Siizhiwaanitti kan argamtu Magaalaa lalistuu Cheengiduu daawwaataniiru.

Beejiingii fi Shaangaayitti aansuun Cheengiduun Magaalaa guddittii 3’ffaa ta’uun Itoophiyaa waliin dameewwan adda addaan walitti hidhamiinsa uumuu kan dandeesse ta’uun ibsameera.

Kanneen keessaas, geejjiba qilleensarraa, barnoota, walta’iinsa fayyaafi hariiroon daldalaa kanneen eeramanidha.

Dr. Abiy Ahimad turtii Cheengiduutti taasisaniin, Giddugala Qorannoo Horsiisa Paandaa fi Paarkii Ekispoo Qonnaa Tiyaanfuu daawwachuusaanii ragaan Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.

Affeerraa laaqanaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif taasifame irrattis, Bulchiinsa Siinzhiwaatti Itti gaafatamaa Paartii Koministii Chaayinaa waliin dameewwan garaa garaatiin akkaataa waliin hojjechuu danda'an irratti mari'ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015