Hulaa galaanaa qabaachuun Itoophiyaaf dhimma murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Hulaa galaanaa qabaachuun Itoophiyaaf dhimma murteessaadha

Onkoloolessa 8/2016(TOI) - Hulaa galaanaa qabaachuun Itoophiyaaf dhimma murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsitii Madda Walaabuu Tajaajila Oduu Itoophiyaa dubbise himan.
Hulaan Galaanaa biyyattiif filannoo osoo hin taane; dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu lammiilee biyyaatti ta'uu hayyoonni kunneen eeraniiru.
Yunivarsiitichatti hayyuu diinagdee kan ta'an Obbo Dajanee Xaafaa, Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheerraa kan ka'e, sirna daldalaa ala ergiifi alaa galchuu keessatti buufata dooniif maallaqa biiliyoonotaan lakka'aman baasaa jirti jedhaniiru.
Maallaqni kun osoo misooma biyyaattiif oolee badhaadhina biyyaaf gahee ol'aanaa qaba jedhaniiru.
Dhimmi hulaa galaanaa gaaffii yeroon deebi'uu qabus ta'uu eeraniiru.
Yuunivarsiitichatti barsiisaa barnoota dinagdee kan ta'an obbo Husaa Aloo "Biyyattiin miidhaa gama diinagdee irra gahaa jiru dandamachuuf hulaa galaanaa fayyadamuu qabdi" jedhaniiru.
Baasiin biyyattiin kiraa buufata dooniif kafalaa jirtu osoo misoomaaf oolchitee pirojektoota misoomaa hedduuf oolfachuu akka dandeessu akka agarsiistuutti eeraniiru.
Hulaan galaanaa "seenaanis, seeraanis kan Itoophiyaanotaati" kan jedhan ammoo barsiisaa Abdulfattaa Abduuti.
Mirga seera uumamaafi idil-addunyaatiin qabnu kanas waliigalteeniif karaa nagaatiin irraa fayyadamuu haala danda'amurratti hojjachuu qabnas jedhan.
Haguma baay'inni ummataa dabalaa jiru fedhiin biyyattiis dabala waan ta'eef hulaan galaanaa dhimma deebii argachuu qabudha jedhaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyi Ahmad(Dr) dhiheenna kana barbaachisuummaa hulaa galaanaa irratti miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa waliin marii taasisuun ni yaadatama.