Sababa bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa gadi aanaa ta'eef qoratamee akka dhihaatu Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa gaafate.

Onkoloolessa 7/2016 (TOI)- Ministeerri Barnoota   Sababa bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa gadi aanaa ta'eef qoratamee akka dhihaatu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Koreen dhaabbii misooma qabeenya humana namaa, Hojiifi tekinolojii gaafate.

Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya humna  Namaa, Hojii fi Teeknooloojii Mana Marichaa karooraa fi raawwii hojii Ministeera Barnootaa bara 2016 kurmaana jalqabaa gamaggameera.

Ministirri Barnootaa Proofesar  Birhaanuu Naggaa bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kanaan dura kennamaa ture dandeettii dhugaa barattoonni qaban kan hin agarsiifne ta'uu gamaggama kanarratti eeraniiru.
 
 Sirna qormaataa jijjiiruun bu’aan barattootaa galmaa’e rakkoo kanaan dura damee kana keessatti mul’atu kan agarsiisu ta’uu eeruun, qooda fudhattoonni biroo, maatii irraa eegalee, kanaaf itti gaafatamummaa akka qaban ibsaniiru.
 
 Rakkoo qulqullina barnootaa karaa itti fufiinsa qabuun furuuf tattaaffiin adda addaa taasifamaa jiraachuu eeruun, sagantaalee fooyya’iinsa manneen barnootaa fi hojiiwwan ijaarsa dandeettii barsiisotaa itti fufinsaan hojjetamaa jiraarachuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Walitti qabaan koree dhaabbii misooma humna namaa, hojii fi teeknooloojii  Dr. Nagarii Leencoo Ministeerichi sababa bu'aan qormaata biyyaalessaa 12ffaa gad bu'eef julmlaan qaama hundaa komachuu hin danda'u jedhaniiru.

Kanaaf Ministeerri Barnootaa akka dhaabbata ergamni barsiisuu fi qormaataa qoruu kennameefitti itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jedhaniiru.
 
 Ministeera Barnootaa dabalatee dhaabbileen itti gaafatamummaa qaban, akkasumas qooda fudhattoonni damee barnootaa bu’aa argameef adda addaan qoonni sababa bu'aan qormaataa gad bu'uu keessatti qaban baramuu qaba jedhaniiru.

 Rakkooleen biroo barattootaaf bu’aa gadi aanaa fidan qorannoo kana keessattis adda baafamuu akka qaban himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015