Tamsaasa Kallatti:

Hooggantoonni olaanoo Ministeera Karooraa fi Misooma hooggantoota Inistiitiyuutii Tooni Bileer waliin mari'atan

Finfinnee 30/2016 (TOI) - Hooggantoonni olaanoo Ministeera Karooraa fi Misooma dhimmoota waliin hojjechuu danda'an irratti hooggantoota Inistiitiyuutii Tooni Bileer waliin mari'ataniiru.

Ministirri Karooraafi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa marii kanarratti, hojiiwwan Inistiitiyuutiin Tooni Bileer Ministeera Karooraa fi Misooma waliin tumsaan hojjechaa jiru bu'aa gaarii argamsiisaa kan jiraniif fakkeenyummaa kan qaban ta'uu himaniiru.

Tumsi kunis cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Deetaan Ministira Karooraafi Misoomaa doktar Namarraa Gabayyeehu gama isaaniin, Inistiitiyuutiin Tooni Bileer hojii Ministeera Karooraa fi Misooma, keessumaa gama hordoffii fi madaallii irratti deeggarsa teeknikaa cimaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Kana waliin wal qabatee qajeelfamniifi sanadoonni gargaaraa biroo waliin ta’uun qophaa’aa akka jiran ibsaniiru.

Bulchiinsa invastimantii hawaasaa ilaalchisees Yunaayitiid Kingidam muuxannoon gabbataa akka qabdu eeranii, Inistiitiyutichii karaa dhaabbileen walitti hidhuu fi muuxannoo qooddachuun danda'amu akka mijeesuu gaafataniiru.

Itoophiyaatti daarekattarri Instiititiyuutii Toonii Bileer aadde Maleedaa Bisiraat Inistiitiyuutichi hojii tumsaa Ministeera Karooraa fi Misoomaa waliin eegale cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessuu isaanii odeeffannoon Ministeera Karooraa fi Misoomaa irraa argameen ni mul'isa.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015