"Irreechi Mallattoo Nageenyaa, Dhiifamaa fi Araaraa Ta'uu Gochaan Waan Agarsiiftaniif Galatoomaa" Shimallis Abdiisaa, PMNO - ENA Afaan Oromoo
"Irreechi Mallattoo Nageenyaa, Dhiifamaa fi Araaraa Ta'uu Gochaan Waan Agarsiiftaniif Galatoomaa" Shimallis Abdiisaa, PMNO
Uummanni Oromoo uummata nagaa jaalatu; obbolummaaf bakka kennuu fi aadaan isaas duudhaa nagaa leellisuun kan guutamedha. Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Arsadeetti karaa duudhaa, safuu fi safeeffannaa isaa eegeen nagaan kabajamee xumuramuun isaas dhugaa kana mirkaneessee jira. Abbaa ayyaanichaa kan taataniifi sirnicha eegdanii har'aan kan geessan kabajamaan uummata Oromoo uffata aadaan faayamtanii ayyaanichatti miidhagina addaa dabaluu bira dabartanii nuti warra aadaa fi duudhaa gaarii qabu, nagaa jaalatuufi hammachuu beeku ta'uu keenya mirkaneessitanii jirtu.
Irreechi keenya akkuma duudhaa isaa nagaa kan tiksu, araara kan cimsuu fi obbolummaa kan jabeessu ta'uu sirna kabajaa Ayyaana Irreechaa Hora Arsadeetti kabajame irrattis irra deebiin mirkaneessuun qaamota kufaatii keenya eeganitti qaanii warra gammachuu keenya nu waliin qooddatanitti ammoo kabaja waan hortaniif galatoomaa jechuun barbaada. Tokkummaan jiraannaan waan hunda gochuu akka dandeenyu; Irreechi dhugumaan irree keenya ta'uus nuuf mirkaneessee jira.
Kanaafuu, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwan, Qeerroofi Qarreen, hooggansii fi caasaan Mootummaa Naannoo keenyaa sadarkaa jirtan, caasaaleen nageenyaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa, waliigala uummanni Oromoo hundi guyyaa jala bultii irraa kaastanii hanga xumuraatti Ayyaanichi karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akkasumas hirmaattoonni ayyaanichaa rakkoo tokko malee nagaan ba'anii akka galan waan gootaniif galanni koo guddaadha.
Sabaaf sablammoonnii fi uummattoonni biyya keenyaa akkasumas keessummoonni Idil Addunyaa sirna keenya nu waliin hirmaachuun kabaja, jaalalaa fi obbolummaa nuuf qabdan waan nutti agarsiiftaniif guddaa galatoomaa jechuun fedha.
Jiraattonni Magaalaa Bishooftuu keessummoota kabaja Ayyaanichaatiif gara Magaalaa keessanii dhufan fuula ifaa fi miira obbolummaan guutameen simannaa taasisuun waan nu boonsitaniif galatatu isiniif mala.
Miidiyaaleen biyya keessaa fi biyya alaa Afaanota garaagaraatiin Ogummaa keessaniif amanamtanii Ayyaanni Irreechaa mallattoo araaraa fi nagaa, faajjii tokkummaafi obbolummaa ta'uu isaa ijaa fi gurra Addunyaan waan geessaaniif galatoomaa.
Dhumarratti barri 2016 bara Araaraa, dhiifamaa, tokkummaan Oromoo itti itituu fi sabdaneessummaan keenya daran itti dagaagu nuuf haa ta'u jechaa barichi bara Oromoon wal dhaggeeffatee garaagarummaa ilaalchaa jiru mariifi marabbaadhan furachuun nageenya waaressee misooma saffisisuuf xiiqiin hojjetu akka ta'uuf waamicha koo isiniif dhiyeessa.
Ayyaana gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana 27/2016
Finfinnee