Ayyaanni Irreechaa hora Finfinneetti geggeeffamu haga xumuramutti daandiwwan tiraafikaaf cufaman ifoomaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Irreechaa hora Finfinneetti geggeeffamu haga xumuramutti daandiwwan tiraafikaaf cufaman ifoomaniiru.

Fulbaana 24/2016(TOI) - Ayyaanni Irreechaa hora Finfinneetti geggeeffamu haga xumuramutti konkolaataan akka daandii aka hin dhiphifneef jecha daandiiwwan cufaman ifoomaniiru.
Ayyaanni Irreechaa Fulbaana 26/2016 Hora Finfinneetti ni kabajama.
Ayyaanichi guyyaa kabajamuu jalqabuu qabee hanga xumuramutti daandiin akka hin cuccufamneef jechaa daandiiwwan cifaman waan jiraniif konkolaachiftoonni daandiiwwan biroo akka filannootti akka fayyadaman Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Haaluma kanaan bor guyyaa keessaa saatii 8:00 irraa eegalee hanga ayyaanichi kabajamee xumuramutti,
• Daandiin Boolee Daandiin qilleensa Itoophiyaa galma barkumee gara Walloo Safarii addabaabayii maasqalaa geessu
• Magganaanyaa gara addababaayii masqalaa kan geessuu marfata 22
• Kiiloo Afuriin karaa Ministeera dhimma alaa kan gara Addabaabayii masqalaa geessu Konsaan qaxaamuraa Konsaan ykn Paarkii michummaa
• Piyaassaa karaa Charchar gara Addabaabayii Masqalaa geessu Addabaabayii Teediroositti,
• Xoor hayiloochii karaa Laga Haar gara Addabaabayii Masqalaatti kan geessu Mana Murtii Olaanaa Liddataatti,
• Daandiin Jamoo karaa Moonniippoolii Tamboon gara Meeksikoo geessu Addabaabayii Gamtaa Afrikaatti,
• Qeeraa gara Meeksikoo kan geessu Maqa Bulgaariyaatti,
• Daandiin Saaris, Gootaraan gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu qaxxaamura Gootaraatti,
• Bolee gara Mana Amantaa Kiristiyaanaa Uraa’eelii kan fudhatu Hoteela Atilaasitti,
• Awwaaree gara Kaasaanchis kan fudhatu Addabaabayii Dubartootaatti,
• Liddataa safara Geejjaan gara eeggumsa Fayyaa kan fudhatu Addabaabayii Abinnatitti,
• Markaatoo Gommaa taraa gara Ammistanyaa kan fudhatu dhaaba barbareetti,
• Markaatoo karaa Raas Tiyaatiraan gara Gommaa Qoxxobaatti kan fudhatu Addabaabayii Taklaayimaanootiiti kan cufamu ta’uu ibseera.
Hawaasni tajaajila Poolisii argachuu yoo barbaadan sararawwan bilbilaa armaan gadiin eeruu laachuu kan danda’an ta’uu eereera.
Sararoota bilisaa 987, 991, 816 991 yookaa 816 fi 011-1-26- 43-59, 011- 5- 52- 63-02/03, 011-542-40-77, 011-5-54-36-81 odeeffannoo laachuun tumsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeesseera.