Iddoo Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Itti kabajamu qulqulleeffame - ENA Afaan Oromoo
Iddoo Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Itti kabajamu qulqulleeffame
Fulbaana 24/2016(TOI)- Hooggantoonni olaanoo fi jiraattonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakka argamanitti iddoon ayyaanni Irreechaa hora Finfinnee itti kabajamu qulqulleeffameera.
Hojiigaggeessaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa, hojii raawwachiisaan kutaa magaalaa Qirqoos obbo Mubaarak Kamaal, abbootiin Gadaa, bakka bu’oonni sabaa fi sablammootaa fi jiraattonni magaalaa Finfinnee sagantaa kanarratti argamaniiru.
Obbo Xiraatuun akka ibsanitti, ayyaana Irreechaa magaalaa Finfinneetti kabajamuuf baatii tokko duraa kaasee qophiileen addaddaa taasifamaa tureera.
Irreecha hora Finfinneetti kabajamuuf guyyaa har’aa naannawa ayyaanichi itti kabajamu qulqulleeffamuu eeranii, qophiileen ayyaanichaaf taasifamu xumuramaniiru jedhaniiru.
Itiyoophiyaanotaa fi lammiilee biyya alaa ayyaanicharratti hirmaachuuf magaalaa Finfinnee dhufan simachuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi jiraattonni qophaa’uusaanii eeraniiru.
Irreechi Hora Finfinneetti kabajamuunsaa magaalattiif, dhaabbilee tajaajila kennanii fi damee Tuurizimiif faayidaa olaanaa kennaa akka jiru ibsaniiru.
Mata duree Irreechi “Asxaa obbolummaa fi tokkummaa” jedhuun Sanbata dhufu Finfinneetti, Dilbata ammoo Bishooftuutti nikabajama.