Waadaa Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu fi Abaaboo Taasisuuf galle hojiitti hiikuu keenya itti fufna-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Waadaa Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu fi Abaaboo Taasisuuf galle hojiitti hiikuu keenya itti fufna-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 23/2016 (TOI)- Waadaa Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu fi Abaaboo Taasisuuf galle hojiitti hiikuu keenya itti fufna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee
Daandii kan addaan qoodu, qarqara daandii fi addababayii, bu’uraaleen misoomaa magariisaa fi mandaroota nama dhuunfaa misooman karee meetira kuma 546 fi 200 kutaa magaalaa Lammii Kuraatti ijaaraman daawwatanii ifatti hojii jalqabsiisuusaanii odeeffannoon waajjira Kantiibaa nimul’isa.
Hojiileen misooma magariisaa tajaajilaaf banaa taasifaman magaalaa Finfinnee miidhagduu, hawattuu, qulqulluu fi gochuun alatti jiraattota naannawaa kuma 12 oliif carra hojii uumuunsaanii himameera.
Kantiibaa Adaanech dureeyyota ittigaafatama hawaasummaa bahuun tila ooltummaan bulchiinsa magaalaa waliin dhaabatanii fi hooggantoota galateeffachuunsaanii ibsameera.