'Irreechi ayyaana tokummaa, jaalalliifi waliin jireenyi uummataa irratti calaqqisuufi cimudha'

Fulbaana 23/2016(TOI) - Irreechi ayyaana tokummaa, jaalalliifi waliin jireenyi uummataa irratti calaqqisuufi cimudha jedhan Abbaa Gadaa Taaddasaa Dachasaa.

Ayyaanni kun ayyaana galateeffannaa, tokkummaa, nageenyaafi araaraa waan ta'eef garaagarummaa tokko malee namni kamiyyuu jaalalaafi waloon kan irratti hirmaatu ta'uus himaniiru.

Ayyaana Irreechaa ayyaanota biroorraa waantoota adda godhaan keessaa tokko ayyaanichi ayyaana namoonni garaagarummaa sabaa, afaanii, amantaafi ilaalcha siyaasaa tokko malee irratti hirmaatan ta'uudha jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana aadaafi duudhaan Oromoo bal'inaan irratti mul'atu ta'uus uumatoonni biroonis aadaa isaanii sina kabaja ayyaanichaarratti argamuun ni calaqisiifatu jedhaniiru.

Ayyaannichi ayyaana galateeffannaa bacaqii gannaa keessa nagaan bahuun gara booqaa birraatti ce'uu sababeeffachuun Oromoon waggoota hedduuf kabajachaa tureefi jirudhas jedhaniiru.

Ayyaana kana yeroo ammaa Oromoo qofaa osoo hin taane karaa sabdaneesuummaa Itoophiyaa mul'isuun sabaafi sablamoonni Itoophiyaa biroonis Oromoo waliin kabajaa kan jiran ta'uu eeraniiru.

Kanaaf duudhaafi safuu ayyaanni Irreechaa qabuufi ittiin kabajamu kun kununfameefi eegamee dhalootaa dhalootatti akka darbuuf hunduu dirqama isaa bahuu qaba jedhaniiru.

Abbaa Muudaa Gadaa Tuulamaa Abbabaa Hayiiluu gamaa isaanittin, Irreechi malkaa ayyaana garaa qulqulluun malkaa qulqulluutti deemuun kabajamuudha jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa, tokkummaa, nageenyaafi araaraa waan ta'eef akka duudhaa ayyanichaatti namni wal lole osoo hin araaramiin Irreeffannaaf gara malkaa akka hindeemne himaniiru. Kanaaf Ayyaanni Irreecha kan kabajamu jaalala, nageenyaafi waloomaan ta'uu akka qabu himaniiru.

Irreechi Hora Finfinee fi Hora Arsadii Sanbataa fi Dilbataa dhufu kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015