Doktar Abiy Ahimad Haroofi Fincaa'aa Danbii jiddugala turizimii Maaddii dhakootaafii taasisuuf dhagaa bu'uuraa kaa'an. - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahimad Haroofi Fincaa'aa Danbii jiddugala turizimii Maaddii dhakootaafii taasisuuf dhagaa bu'uuraa kaa'an.

Fulbaana 20/2016(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Haroofi Fincaa'aa Danbii jiddugala turizimii Maaddii Biyyaafii taasisuuf dhagaa bu'uuraa kaa'an.
Doktar Abiy Ahimad Naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa godina Beenchii shakkoo dhiheenya magaalaa Miizan Amaanitti kan argamu haroo fi fincaa'aa Danbii akkasuma bosona uumaa umurii dheeraa qabufi ooyiruun qonnaa jiddugala turizimii maaddii dhalootaafi taasisuuf dhagaa bu'uuraa kaa'uu isaanii Itti aanaan Pirezidaantii naannichaa injinar Dr. Nagaash Wageeshaa beeksisaniiru.
Itti aanaan pirezidaantii naannichaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii akka ifoomsanitti lojiifi hu'uuraaleen misoomaa biroon haroo Danbiirratti hojjetaman yeroo xumuraman magaalaa Miizan Amaaniifi naannawwaa isheef bakka hawwata turizimii dabalataa ta'uun sosochii dinagdee naannawwichaa ni si'oomsa jedhaniiru.